Thursday, November 21, 2013

Miseensotni Hawaasa Oromoo Ayerlaand Gochaa Mootummaan Sawudii Raawwate balaleefatani


Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand | Sadaasa 20, 2013  (English version below)
Nutii miseensotni Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand, uumatoota nagaa fi tasgabbii jaallataniin harka wal qabachuun haala suukanneessaa mootummaa fi uumata seerdhaboo biyya Saawudii Arabiyaatiin uummata keenya irratti raawwatame balaleeffachuu , jaalalaa fi deggersa lammummaa miidhamtoota gochaa kanaan gaaga’amanf ibsuuf hiriira nagaa baanee jirra.
Miseensotni waldaa keenya gochaa mootummaa fi uumatni seer-dhabiin biyya Saawudi uummata keenya irraan ga’an jechaa cimaa balaaleffachuu dandaa’amu hundaan ni balaleeffanna. Akka hubannutti namoota gaagamni irraa ga’e keessaa harki caalaan ilmaan Oromoo yammuu ta’an, namootni kun biyya isaanitti dararamaa, hidhaa fi ajjeechaa shorokeessa mootummaa Itoophiyaatiin irra ga’een baqatanii golgaa barbaacha biyyaa sana seenani dha. Waanti nama gaddisiisu garuu ummatni kun shororkaa dacha ta’en dararamuu isaanii ti.
Amma akka daamsa qobnuu fi akka miidiaa irra argnutti ilmaan Itoophiyaa warri golgaa hin qabne kun humna ajjeestuu fi darartuu Sawudiitii fi uummata jarri lammiiwwaan keenya irratti kakaasaniin kaan reebamnii, kaan du’anii, kaan gudeedamanii, kaan mana hidhaatti naqamanii jiru.
Uummatni Itoophiyaa uummata nagaa, uummata boonaa fi kan namaaf jaalalaa fi kabajaa qabu ta’uu irra deerbee biyyaa namaa keessatti mitii biyyaa isaa keessatti iyyuu kan nama hin tuqne dha. Wanti nama dhibu garuu uummatnii fi mootummaan Sawudii maaliif uummata golgaa isaanii barbaacha biyya isaanii deeme dararaniif dha.
Nuti miseensotni waaldaa hawaasa Oromoo biyya Ayerlaan gochaa mootumman Sawudii lammiiwwan keenya irraan gahe jechaa fi miira dandaa’mu hundaan balaalefatna. Aarii fi gadda nutti dhagaame hundaa ibsuun gochaa suukanneesaa, gochaa hammeenyaa mootummaan biyya sanatiin uummata keenya irraatti raawwate ni balaaleftna.
Mootumaan Sawudii Arabiyaa isaa baqatoota siyaasaa baqatoota gosa biro irraa addaan baasee ilaaluun utuu irra jiraa, hundaa waliigala akka tokkotti fudhatee gochaa sukanneessaa akkasii keesumaa iyyuu lammiiwwan Itoophiyaa adda baasee jara qofaa irratti xiiyyeefachuun sirrii miti.
Mootummaan Sawudii Arabiyaa akka oodeesu yoo dhuguma seera mootummaa addunyaa hojii irraa oolchaan yoo jechu, seeraa addunyaa isaatti bakka kamitti iyyuu baqataa biyya kee dhufte, ajjeesi, gudeedi yookaan reebi kan jedhu hin jiru. Kanaaf nuti yaadaa fi sagalee tokkoon dhaabota mootumaa addunyaa keesumaa iyyuu UNHCR, “Human Right Watch” fi Ligiin Mrga Dalamaa kan Ganfa Afrikaaa gochaa suukanneessaa ilmaan Itoophiyaa irratti raawwate kana akka qo’atanii warra daba kana geessise aka seeraan gaafatani cimisinee gaafatna.
Mootummaan Sawudii Arabiyaa itti gaafatumummaa seeraa addunyaatiin ala waan ta’uu hin dandeenyeef, dhaabotiin addunyaa warri dhugaa jaallatani hundi dhugaa dabee kanaa fi seera addunyaa warra cabsan kana gara mana murtiitti akka dhiiheesaniif badii isaaniitti akka gaafatamaniif adabaman gaafatna.
Shorokaan haa Dhabamu!
Waldaa Hawaasa Oromoo Ayerlaand
www.oromocommunityireland.com

No comments:

Post a Comment