Monday, November 4, 2013

Kabaja Waggaa 3ffaa Yaa’ii 1ffaa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa

     Maandhee Leenca Gaara Muul’ataa  gamtaa Qeerroo YSTA(Yuuniversitii Adaamaa)

      Gaaddisa ABO,Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Diimookiraasiifi Bilisummaa Oromoo(Qeerroo) Onkololeessaa 27/10/2013

q1Sagantaa keenyaa yaadannoo sammuu gootota haqaa,walabummaa biyyasaanii Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoof  kumaatama,dhiiraa fi dhalaan aarsaa (kitima)lubbuu kaffalaniif daqiiqaa muraasaf yaaddannoo sammuu gochuun kan eegallee yeroo tahu,itti fufnee irbuu(waadaa )Oromummaa afuura OROMUMMAAN haaressinee jirra.
Itti fufee haasawa  sagantaa duunqoo qabsiisuu kabaja maandhee gaara muuldhataa kan waggaa 3ffaatu qabsiisame. Haasawatu taasifame walitti qabaa mandhichaa   Jaal Marii Hordofaa Gadaati.
Kaayyoo fi muuldhata ,ABO  adda durummaan fudhachuun, kaayyoon ABO kaayyoo ganamaa  ifaa fi gabbataa walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoof  hundeeffaa fi bu’ureeffama sirriin kan aangeffaamii fi aanjeffamee qabsoo gita hin qabne diina irraatti toofta qabsoo sasalphaa irraa hanga duula hidhannootti dhaaba  haqummaa fi eenyummaa Oromoof wareeggama lubbuu buuse,buusaa jiruufi hanga dhumaatti buusu tahu manni marii hoo’aa fi gammachuun badhaadhe irraatti darbarsee jira
Tarkaanfii ABO erga qabsoo hidhannootti galee buuse,dhimmoota Afaanii, Aadaa fi seenaa, abbaa biyyummaa waliin wal qabatee bu’aan dhaloonni qubee xiqqaattus argan  dafqa ABO tahuu firaa miti diinnii akka ragaa bahu illeen ifaan irraatti dubbannee oollerra.
Qabxiin itti aanu  hojiilee Maandheen keenyaa gamtaa qeerroo Leenca Gaara Muul’ataa yuuniversitii Adaamaa waggoota lamaan darbee raawwatee tokko tokko kaasne irraatti marii baldhaa geggessinee jirra. Kannen guyyoota kan  FDG  sadasaa 9 fi guyyaa gootota Oromoo Amajjii 1 kabajuufi barrulee qeerroo mooraa keessaatti bakkee adda addaatti  maxxaansuun diinaa raasuufi ilmaan sabaa hamillee kaasun dabarsaa tureerra. Ayyaanlaallattuu,galttuu fi fakkaattuu diinaa waliin ergama diinaa dhimmaa Oromoo itti bobba’an tokko tokko dhaabaf saaxiluufi duraa dhaabbachaa hojii sabboonummaa dabarsaa tureerra.walumaa gala dhimma Oromoo fi Oromiyaa gaafa rakkoos ta’ee gaafa gammachuuf akka quba wal qabannuuf jaarmiyaa dhaabbatee tahuu asuma fuulleen gabaabsee ibsuun barbaada. Guca gaaddisa Oromoo,dhaaba dhiigaa ABO irraa gaaffii inni gaafatu kamiifi  deebii akka taanu  walii gallee,itti galuu  keenyaas cimsinee hubachiisu barbaadna. Dhumarraatti bara kanatti hojii boonsaa fi fooyyee qabu dhimma qaboo  irraatti waadaa Oromummaan haaressani marii keenyaa kan goolabne tahuu sin hubachiisna.
Injifannoon Uummata Oromoof!

No comments:

Post a Comment