Tuesday, November 19, 2013

Roorroo Abbaatu Dhoowwata!

Roorroo Abbaatu Dhoowwata!
Sadaasa 9, 2013
Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee
“Karaa nama yartuu sareen abidda qaqqaammatti.” jedha Oromoon yoo mammaaku. Akkaataa duudhaa Oromoottii, Uumaafi uumamni, jiruufi jireenyi, hangafaa quxusuun, dufaa darbaan, dhiyaa bariin,…. Hunduu safuu qaba. Safuutti bula. Kanaafidha hagamuu jaalatanillee kan sareen gulantaa ol tarkaanfattee namaan qixxee abidda bira hinteenyeef. Kun safuudha! Safuu sabaa eegun ammoo matuma isaattuu ammas safuudha. Kanaaf safuudhaan safuu keessa jiraatu. Maammaaksa olii yoo ilaallu irra keessoon isaa safuu kana tiksuuf. Keessa isaatti garuu dhugaa fageessee akeekutu jira.
Mammaaksi koobaa dubbiitii isaa koobaa beekutu qalbeeffata. Irra keessoo namaatiif dubbii hinmammaakani. Gamna aqlii qabuuf ammoo mammaaksa hiniikani. Abbaatu haala dubbichaa keessaa dhimbiibee baafata. Kanaafan faana mammaaksa kiyyaa isinuumaaf dhiiseen gara waliigala dubbii kootti fuulleffadha. Roorroon salphina dhala. Salphinni dhukkuba. Huuqqisee, yuuyyesseetu cabsee nama hambisa. Kana abbaatu alaalatti ofirraa eega. Kanaaf akka namuu dagatee roorroofi salphinni ulaa isaatiin biyya hinseenne yaadachiisuuf buleessi Oromoo dubbii kana dhalootaaf mammaake. Roorroo Abbaatu

No comments:

Post a Comment