Friday, November 29, 2013

Mootummaan Wayyaanee Baha Oromiyaa Godina Harargee bahaa aanaa Midaagaa keessatti uummata Sumaalee fi Oromoo walitti buusaa jira.

Sadaasa 29,2013 Gabaasa Qeerroo Dirree Daawa
Wayyaaneen TPLF tooftaa biyya goolu kanneen itti dhimma bahu keessaa tokko sabaa fi sablammiiwwan biyyattii walitti buusuun tokkummaa uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa diiguu dha. Haala kana milkeessuuf uummata nagaa walitti buusaa kan ture Baha Oromoo uummata Oromoo fi Sumaalee walitti buusuuf lafa Oromiyaa irraa kutuun uummata Sumaalee qubachiisaa jira. Uummatni Oromoo naannoo daangaa kanaa jiraatan lafti kun keenya jedhanis waraana kumaatamaan bobbaasuun uummata Oromoo irratti miidhaa daangaa hin qabne gaggeessaa jira. Mootummaan wayyaanee yeroo dheeraaf poolisoota federaalaa ” Liyyuu Haayil” jedhaman bobbaasuun uummata Oromoo ficcisiisaa turuun isaa ni yaadatama. Shira mootummaa wayyaanee kanaan dammaquun uummatni nagaa waraan akka waliin jiraatu, daangaa Oromiyaa kabajsiisuuf ammoo wareegama barbaachisaa kaffaluu irraa uummatni Oromoo duuba akka hin deebine qeerroon baha Oromiyaa gabaasee jira.

1 comment:

  1. Heloo Afomia,
    You are doing great! Jabaadhu. Liinkii Gadaa.com qabsiisu irratti "Gaddaa Oromoo" kan jette "Gadaa Oromoo" jechuun sirreessitaa? Kabaja wajjin,

    ReplyDelete