Wednesday, November 27, 2013

Uummanni Oromoo Jiraattoti magaala Buraayyuu qe’ee irraa buqqifaman,Bulchitooti Gandaas Hojii Irraa Arihaman

Sadaasa 28,2013 Finfinnee
Mootummaan Wayyaanee erga aangootti olbahee uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa nagaa waaraa guyyaa takka illee argatee hin beeku. Addatti Wayyaaneen ilmaan Oromoo saamaa, ajjeesaa, hidhaa, qe’ee irraa buqqisaa as gahe. Bara dhumaatii isaa keessas wayyaaneen bittaa umrii koo dheeressa jedhee kan abdatu hidhaa Jumlaa, ajjeechaa fi qe’ee irraa buqqisuun hangafoota. Haalli kunis hammaachuun wayyaaneen uummata nagaa qe’ee irraa buqqisaa jira. Naannoo magaala Finfinnee Buraayyuu keessattis mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo isin lafa mootummaa irratti eeyyama malee lafa ijaarrattanii jirtu jechuun manneen uummataa diiguu irratti argamu. Kanneen kana taasisaa jiran kaadhimamtoota mootummaa wayyaanee TPLF investerootaaf haala mijeessuuf tattaafatan yoommuu tahan uummatni mana isaanii wayita diigamu dura dhaabbannaa taasisaa kanneen turan waraana wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Magaala Buraayyuu gandawwan shan keessatti manneen diigaman
  1. Ganda Malkaa gafarsaa keessaa manneen diigaman 138
  2. Ganda Lakkuu Kattaa keessaa manneen 76
  3. Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa manneen 36
  4. Ganda Gafarsaa Buraayyuu keessaa manneen 100
  5. Ganda Gafarsaa Noonnoo keessaa manneen 40
Kanneen diigaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee investerootatti gurguruuf manneen ilmaan Oromoo diiguu irraa dura dhaabbannaa kanneen taasisaa kanneen turan Obbo Alamaayyoo Baqqalaa fi Obbo Gaarii Birraatuu ganda gafarsaa Buraayyuu keessaa waraana mootummaa wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Mootummaan wayyaanees namoota uummata waliin bulchinsa tahanii hidhata qaban hojii irraa arii’ee jira. Kanneen hojii irraa arii’aman ganda Lakkuu Kattaa keessaa
Aadde Warqinesh Guddinaa bulchinsa gandaa
  1. Obbo Dabalaa Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame
  2. Obbo Shimallis Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame
Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa kanneen arii’aman
  1. Aadde Yashii Aliyyee
  2. Shaalaqaa Taammanee
Ganda Malkaa Gafarsaa keessaa kanneen arii’aman
  1. Obbo Tashoomee Bafirduu
  2. Tseggaa Warquu
Ganda gafarsaa noonnoo keessaa kanneen arii’aman
  1. Obbo Kabbadaa bulchisa gandaa
  2. Obbo Tafarii KHR
Mootummaan Wayyaanee bara dhumaatii isaa keessa dhiibbaa gaggeessuu irraa dhaabuu baatus qabsootti jabaachuun furmaata jechuun jirattootni magaala Buraayyuu dhaammatanii jiran.

No comments:

Post a Comment