Tuesday, November 26, 2013

Waraanni Wayyaanee maqaa sakatta’insa jedhuun baadiyyaa keessa bobba’e uumata saamuu fi humnaan gudeedduun yakka daangaa hin qabne hojjechaa jira.

Sadaasa 25,2013 Finfinnee

Qeerroo bilisummaaBara dhumaatii abbaa irrummaa isaa keessa mootummaan Wayyaanee waan hojjetu walaaluun bujaajjauu irraan darbee kadhaa biyyoottan alagaa irraa argamuun bittaa umrii isaa dheereffachuuf tattaafachaa ture. Haalli kadhaa fi saaminsaan dinagdee isaa guddisee uummata ittiin bitu wayita fashalu uummata Jumlaan hidhuu, sakattainsaan uummata nagaa rakkisuu fi doorsisuu akkasumas uummata nagaa ajjeesuu filannoo jabaa godhatee jira. Filannoowwan kanneen keessaa maqaa alshabab sakattaana dahoo kan godhateen uummata nagaa golee Oromiyaa mara keessatti doorsisaa fi sakattaa jabaa gaggeessaa jiran. Waraanni mootummaa wayyaanee sakattainsa kanaaf bobbaan kumaataman kan lakkaawaman yoommuu tahu sakattainsaan alatti darbuun afaan qawwee fayyadamuun qabeenya uummataa saamuu fi dubartoota gudeeduu irratti argamu.
Godina Shawaa kaabaa aanaa Alaltuu bakka Fiichee jedhamutti waraanni mootummaa Wayyaanee sakattainsaaf bobbae qabeenyaa ilmaan Oromoo saamee jira. Ilmaan Oromoo hojii isaaniitti bobbaanii jiran dhaabuun maallaqa baaftan fidaa jechuun humnaan irraa fudhachuu irratti argamu. Midhaan konkolaattotaan feamus hin dabarsitan jechuun ilmaan Oromoo rakkoo addaaf saaxiluu irratti argamu.
Qeerroon Godina kanaa diinni maaliif akkas nu godhee irra dura dhaabbanna jechuun uummatni waraana wayyaanee bobbae akka hin nyaachisne, hin obaasne homaa itti hin gurgurre taasisuun hojii waraana mootummaa wayyaanee fashalsuu irratti argamu.

No comments:

Post a Comment