Friday, November 1, 2013

Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti diddaan barattootaa Oromoo Itti Fufe‏

Gabaasa Sadaasa 1,2013 Haromaya ,Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti jabaachaa jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Debre Berhan keessatti diddaan barattootaa dhalachuun mootummaa Wayyaanee muddama keessa seensisee jira.
Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti Onkoloolessa 28,2013 irraa eegalee barattootni Oromoo gaaffiilee mirgaa cunqursaa Afaan Oromoo irratti gaggeeffamaa ture dura dhaabbachuun gaaffiilee mirgaa hedduu kaasanii jiran. Baajata mootummaan Wayyaanee barattootaaf ramadame dhimma siyaasaaf oolchuu irraas akka of qusatu barattootni gamtaan bulchinsa mooraatti gaaffii dhiyeessanii jiran. Yuunivarsiitii Dabra Behaan keesssattis gaaffiileen wal fakkaataan finiinuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee Impaayera Biyyattii keessatti gaaffiilee mirgaa jala deemtotaa ishee mudde dura dhaabbachuuf baajata olaanaa ramadaa akka jirtus saaxilmee jira.

No comments:

Post a Comment