Sadaasa 9,013Gareen gaafatamtoota Qeerroo bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii warraaqsa FDG gaggeessaa jiru Yaadannoo sadaasa 9 guyyaa FDG sababeeffaachuun walga’ii isaa Sadaasa 6/2013 godina dhiha Oromiyaa keessatti gaggeessuun Uummata Oromoo hundaaf ibsa armaan gadii dabarsee jira.
Addunyaa kana irratti ilmi namaa bara inni tole jedhee roorroo, gadiqabaa, hacuuccaa fi garbummaa fudhatee jiraate hin jiru; Ummaannii Oromoos akkuma uummata addunyaa kamiiyyuu guyyaa inni garbummaa, roorroo, gadi qabaa fi hacuuccaa tole jedhee fudhate hin jiru. Keessattuu gita bittoota abbootii irree afaan qawweetti malee sirna bulchinsa dimookiraasii fi kabajamuu mirga namummaatti warraa hin amanne dura dhaabbachuun falmaa hiriyaa hin qabne uummata gaggeessaa as ga’ee ta’uun seenaan ragaa guddadha. Haala kanaan uummaanni Oromoo mootota abbootii irree Habashootaa kaleessaa irraa qabee hanga mootummaa faashisti fi shororkeessaa Wayyaanee hara’aa jirtuu kanatti falmaa bilisummaa gaggeessaa turee fi itti jiru keessatti injifannoo cucululuqaa galmeessa as ga’edha.
Bara 2005 keessa maqaa filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa Wayyaaneen gaggeesseen walqabatee sagaleen uummata Oromoo ukkanfamee; Oromoo fi Oromiyaa bituuf ilmaan habashaa waldhansoo jabaa Finfinnee irratti gaggeessa turtetti, Oromoon caljedhee hin ilaallee, Dhaabni isaa Abdii fi gaachanni uummataa Oromoo ABO’n mirgi uummata Oromoo fi kan saboota rakkoo fakkaataa Oromoo qabanii haa kabajamu jechuun waamicha FDGf ibsa uummata Oromoof taasise.  Gutummaan ibsa kanaa:- Sadaasa 6.docx Jimma.pdf