Saturday, December 28, 2013

Yuunivarsiittii Hawaasaatti barattootni Civil Engineering waggaa shanaffaa sagalee diddaa dhageessisaa jiran

Muddee27,2013
Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessaa mootummaa wayyaanee irratti jabaachaa kan dhufe barattootni Yuunivarsiitii Hawaasaa Civil Engineering waggaa 5ffaa baratan sagalee diddaa dhageessisan. Mootummaan wayyaanee imaammata barnootaa jijjiiruun barattootni keessumaa barattootni Oromoo wayita eebbifamanitti hojii dhabdummaan rakkisuu irraan darbee humna waraanaa isaa gabbifachuuf itti deemu barattootni gamtaan dura dhaabbatanii jiran. Muummee barnootaa Civil Engineering tahe Civil and Urban Engineering tahuu qaba kan jedhan jala deemtotni mootummaa wayyaanee qacarrii barattootaa irratti dhiibbaa uumuuf tahuu hubachuun barattootni diddaa dhageessisanii jiran. Yuunivarsiitii Arbaamincii fi Haramaayaa keessattis diddaa wal fakkaataan dhalachuun mootummaa wayyaanee fi imaammata ishee barattootni gamtaan fashalsuu irratti argamu

No comments:

Post a Comment