Sunday, December 15, 2013

Sabboontotii fi Dargaggooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Boqochuu Hayyuu Nelson Madellaa fi Jaal Taddasaa Birruuf Yaadannoo Taasisan.

Gabaasa Qeerroo Yuni Jimmaa Muddee 14,2013
Muddee 14/2013 Sabboontotni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa boqochuu Gooticha Afrikaa Nelson Mandellaa sababeeffachuun goototaa Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irraatti wareegamanii fi Nelson Mandellaaf  yaadannoo guddaa taasisan.
Sabboontotni  Qeerroo dargaggootni Oromoo qophii gumiin guddinaa fi dagaginaa seenaa, aadaa fi afaan Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa dirree xiqqicha (mini stedum) keessatti qophaawe irratti argamuun galgala sa’aa 6:00 wb  irraa eegaluun dhungoo diimaa magariisa diimaa qabsiifachuun yaadannoo gootichaa Afirikaa Nelson Mandellaaf wayita taasisanitti, dugda duuba bilisummaa Afrikaa kibbaa hayyoonni Oromoo harka guddaa keessaa qabaachuu waliif ibsuun hayyoota Oromoo Goototaa akka Taaddasaa Birruu nama Nelson Mandella leenjisee barsiisee sadarkaa kana irraan ga’ee fi nama qabsoo bilisummaa Oromoo bu’uressuu keessaatti isa jalqabaa ta’uu isaa waliif kaasuun Qeerroon sabboontotni Oromoo Taddasaa Birruu fi gootota  Oromoo warraa akka Baaroo Tumsaa, Magarsaa Barii, Maammoo Mazammir, Eleemoo Qilxuu, Waaqoo Guutuu, Abishee Garbaa, Agarii Tulluu, Kol. Aleemuu Qixxeessaa, Aboomaa mitikkuu, Guddina Tumsaa, Laggasaa Wagii fi Suuraa Gootota Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo irratti wareegaman hedduu slide show irraa gochuun Agarsiifni ajaa’ibsiisa ta’ee mooraa Yuunivarsitii Jimmaa dirree xiqqicha mooraa main Campus keessaatti argamuutti agarsiisuun seenaa goototni Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo fi dimookiraasii dhugaaf utuu falmanii irratti wareegaman Qeerroo baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaan barsiifame.
Qeerroon dargaggoonni  Oromoo goototni Oromoo seenaa midhagaa akkasii kan addunyaan kunoo ragaa ba’aa jiru qabu, nutoo seenaan keenya maal fakkataa ? maal hojjechaa jirraa? essaa olmaan keenya? Ittigaafatama seenaa jalaa jabannee kaayyoo gootawwaan keenyaa galmaan ga’uuf haa qabsofnu, tokkummaa uummataa keenyaa haa jajjabeessinu, gantuu fi hamatuu of keessaa haa balleessinu, jechuun dhaamsa jajjabeessa ilmaan Oromoo labata har’aa hundaaf dabarsan.
Guyyuma kana Gumiin Gudinaa fi Dagagina Aadaa, Seenaa fi Afaan Oromoo (GDASAO)’n Yuunivarsiitii Jimmaa seeraa fuudhaa fi heeruma aadaa kan Godina Arsii bifa diraamaatiin qopheesse agarsiise baay’ee kan nama hawwatuu fi akkam miidhaga ta’ee agarsiisuun ilmaan Oromoo aadaa keenya, Afaan keenyaa, seenaa keenya fi biyyaa keenyaa kabachiifachuuf jabanne ni hojjenna jechuun dhaamsaa waliif dabarsani jiru. Agarsiifni sirboota aadaa Oromoo godinalee Oromiyaa cufa irraa dabaree dabaree agarsiifame eenyummaa Oromummaa fi wallee warraqsaan kan gutamedha.
Addatti sirbonnii warraaqsaa kan ergaa bilisummaa labsan kanneen akka kaasseta Haacaluu Hundeessaa, Adinal Mohaamed, Ebbiisaa Addunyaa, Hayiluu kitaabaa, Hirphaa Ganfuree, fi kkf dabaree tooraa galuun sabboontotaa baratootaa Oromoo fi barsiisota Oromoo qophii kana irraatti argaman ittin jajjabeessuun, barsiisuun, Oromummaa leellisuu fi faarsuun jabeessanii itti fufuun wal barsiisan.
Motummaan Faashistii Wayyaanee haala kana irraa Yaaddoo guddaa keessaa galuun basaastotaa isa humna ol bobbaasuun saganticha jeeqee hambisuuf yaaliin godhame tokkummaa Qeerroo baratoota Oromoo
yuunivarsiitii Jimmaa fi gootummaa sabbontotaa Oromootiin fashala’uu danda’e jira.

No comments:

Post a Comment