QerroooSadaasa 30/213/ Yeroo ammaa mootummaan Wayyaanee kaayyoon isaa hangafaa ilmaan oromoo lafa irraa dhabamsiisuu, uummata oromoo fi qabeenyaa uummata oromoos barbaadeessuu fi duudhaa mataa isaa irra oolfachuu akka tahe dhokataa miti. Kana qofa miti yakki inni ilmaan oromoo irratti raawwachaa jiru suukkanneessaa fi hedduu gaddisiisaa akka tahe uummata oromoo biyya hambaa jalaas dhokataa miti,rakkoon saba bal’aa hanga mootummaa addunyaatti beekamaa kan dhufeedha. Kun hammaataa dhufus egaa ifa gala kan tahe yeroon isaa amma yeroon itti mirgi abbaa biyyummaa keenyaa, walabummaan biyya keenyaa fi bilisummaan saba keenyaatti ifaa ifatti tahuuf deemu kana keessatti nutis qooda guddaa keessatti fudhachuuf tokkummaa keenya akka utubaa sibiilaa jabeessinee darbinee uummata dachee Oromiyaa guutuu irra jiraatu kana tokkummaa isaa jabeessuudhaan daandii nuti irra qajeelle kana irratti dachaasuuf yeroo nuti murannoo fi kutannoo qabnuu fi haamilee jabaadhaan kaanee mirga abbaa biyyummaa keenya kan sarbe kana mootummaa wayyaanee of irraa fonqolchinee gara dirree bilisummaatti bahuuf murtoodhaan itti seenne tahuu isaa hanga hundee dhaabatti nu hubadhaa jechaa gabaabsinee ammo ejjennoo qabnus kanaa gaditti kan tarreeffanneedha.
ü Hanga bilisummaa keenyaa fi walabummaa biyya keenyaa ija keenyaan arginutti sodaa fi naasuu malee,daaraa fi beela osoo hin sodaatin hanga dhumaatti dhaaba ABO fi WBO waliin qabsoo finiinsuuf kutannoo keenya ibsanna.
ü Nuti akka ijaarsa gurmuu maadhee Iftuu Bariittis tahee akka dhuunfaa dhuunfaa keenyaattis mootummaa wayyaaneef yeroo sodaa fi jibleenfannaa hin qabnu,amma yeroon yeroo waanjoo garbummaa of irraa fonqolchuu fi godoo roorroo jalaa bahuuf tattaaffii keenya daran jabeessinee hanga dhumaatti deemuu keenya murtoo qabnuun waadaa keenya haaromsina.
ü Yoomiyyuu walabummaa oromiyaa fi bilisummaa saba keenyaatti ni amanna,kanaafuu walaboofne jiraachuuf qabsoo gama keenyaatiin ni finiinsinaaf waadaa qabnu jabeessina.
ü Nuti maadheen Iftuu Barii ajajaa fi dirqama dhaabni keenya ABOn nu dursuun durfamnee yoomiyyuu qabsoo hanga wareegamaatti ni tarkaanaffanna kun waadaa keenya cimsinee yeroodhaa yerootti haaromsinuudha.
ü Lafti uummata oromoo irraa fuudhamee abbaa qabeenyaaf laatameef, uummata mana isaa irraa buqqa’ee bakka biraatti socho’aa jiru……. Sochii dargaggoota biyyoolessaa keessatti hirmaannee kan sichitti tahuuf deemu gocha mootummaa wayyaanee kana dura akka dhaabbannuu fi uummata lafa isaa dhabee fi mana isaa ariyame bakkatti deebisuuf qabsoo barbaachisu ni raawwanna.
Injifatnoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!