Saturday, December 7, 2013

Mootummaan Wayyaanee Basaasota barattoota ta’an lama Mooraa Yuuniversitii Jimmaa Keessatti Mindeessuun Gabaafame.

Muddee 06,2013 Jimmaa
Haptamuu Rettaa fi  Badhaasaa Firraajaa kanneen jedhaman yeroo ammaa mooraa Yuunersitii Jimmaa keessaa baratu,barattoota kana leejii addaa keenuufii irra darbee sochii barattooti Oromoo godhan irratti akka fakkaatanii basaasan mootummaan wayyaanee ramaduu dargaggoonni moorichaa gabaasu.
Ammaas Qeerroon Bilisummaa Oromoo Oromootu mirga dhabee, qee’eef qabeenyaa irra buqqa’ee, biyyaayyi dhalatee keessaatti mirga namumma fi dimookiraasii dhabee, balleessa malee mooraa barnotaa keessaatti akka bineesaa itti dhukaasuun ajjeefama jira, kaan hidhatti guurame, kaan eessa buuteen isaa hin beekamu, kaan biyyaa arii’ame Hambii wayyaanee 2ffaa itti ta’ee itti roorrisa jira, Oromoo uummaanni miliiyona 40tti lakka’amu biyyaatti keessaatti aangoo dhabuun rakkinota kana dhalchee jira. Isinumtii warrii diinaaf ergamtuu fi baandaa taatanii jiraachuu murteffatan kun illee angoo mirga dhuunfa keessani kabachiisuu illaa akka hin qabne ragaan orma miti isinuma mataa keessani, Angoon isin qabdan Oromoo mirga kee siif iyyuu kabachiisuuf abbaa irretiin mormaa jiru basaasuu, fi ergamtuu diinaa taatee jirachuu qofa.
Haaluma kanaan Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Keessatti basaasatotni garaa isaniif jedhanii ilmaan Oromoo jala fiiguun diinatti argisiisuun gootota Sabboontota Baratoota Oromoo barnotaa isanii irraa hiisisaa, ariisiisaa fi guyyuu sabbontotni kunneen immoo akka hordofamanif diina jala fiiguun ilmaan Oromootti quba qabuun dhiigaa ilmaan Oromoo dhugaa fi Foon baratoota Oromoo nyaachuun har’a kan geessaan ta’uu mirkanaa’era.

No comments:

Post a Comment