Friday, December 6, 2013

FDG Yuuniversitii Gonder Keessa itti Ka’een Wal Qabatee Barattooti 17 Arhiaman

Qeerroo

Barattoota Gondor Yuuniversitii Irraa Dismissal Ariyaman

Gabaasa Qeerroo Bilisummaa Muddee 07,2013 
Baatii Sadaasaa 2013 keessa Yuuniversitii Goonder keessatti barattooti Oromoo gaaffii mirgaa kaasuun ni yaadatama. Rakkoo fi gidiraa uummata Oromoo akkasumas hidhaa fi ariisaan barattoota Oromoo irra gahamaa jiru haa dhaabbatu jechuun gaaffii mirgaa barattooti Oromoo kaasaniif deebiin mootummaa Wayyaanee irraa kenname ajjeechaa fi dhihdaa ture,sababaa diddaa barattooti kaasaniif jecha barataa Oromoo tokko ajjeessuun toorba ammo hidhaa hin beekamnetti ergamanii jiru.
Haalli kun jabbaachaa deemuu irraan walitti bu’iinsi barattoota Oromoo fi kanneen mootummaa Wayyaaneen kaadhimamanii hojjetan jidduus jiraataa ture. Ammoo gaaffii mirgaa ilmaan Oromoo kaasaniif deebiin itti aanu kenname barattoota mooraa fi barnoota isaanii irraa arhiyuun gaaffii mirgaa ukkaamsuuf yaalee jira.
Ammatti Muddee 5,2013 barattooti Yuuniversiticha irraa arihaman gabaasaan Qeerroo akka armaa gadiiti addeessa.
1)      Barattoota 8 dismal barnoota irraa ariyanii jiru;
2)      2.Barattoota 9 waggaa lamaaf adaba itti kennanii mooraadhaa bahanii jiru;
3)      3.Barattoota 19 ammoo meeshaa caccabeef horii akka baasan mallatteessisifamanii hanga horin isaa bakka buusanitti barumsatti akka hin deebine tahee jira.
4)      4.Barattoota 150 ammoo akeekkachiisa itti kennuudhaan mallatteessisanii mooraatti deebisanii jiru walumaa gala galmee kanneen arihamanii akka armaa gadiitti dhiheessina.

Lak. Maqaa Guutuu Saba Umurii Department                              Teessoo
Naannoo Magaalaa Bilbila
1 Tewoderoos Abarraa Tasamma Oromoo 23 Retimed 4th oromiyaa Bishooftuu
2 Addunyaa Baqqalee Sooqee Oromoo 22 Law 3rd Oromiyaa Bulee Horaa
3 Galgaloo Godaanaa Oromoo 23 Special Need 3rd Oromiyaa Moyaalee
4 Iyyoob Mohad Caalee Oromoo 21 Sociology 3rd Oromiyaa Baalee Goobbaa
5 Waakkennee Saxuu Raggaasaa Oromoo 23 Population 3rd Oromiyaa Sabbataa
6 Meelat Sisaay Kebbedee Amaaraa 22 Psychology  3rd Finfinnee

7 Tewoderoos Biyyasaan Ashenafi Oromoo 23 Yetmad 3rd Oromiyaa Boorana
8 Biliyoon Biilee Yaraa Oromoo 22 Law 3rd Oromiyaa Shaashimannee
Barattoota Waggaa Lama (2)Barnoota Irraa Ariyaman
Lakk. Maqaa Guutuu Saba Umurii Department                                Teessoo
Naannoo Aanaa Bilbila
1 Almaaz Isheetuu Ayyaanee Oromoo 24 Sport 3rd Oromiyaa Ginniir
2 Gannet Balay Abrahaam Tigree 23 Biologu 3rd Tigraay Shire
3 Massaluu Baqqalee Qoloosaa Oromoo 21 Sport 3rd Oromiyaa Iluu Abbaabor
4 Saamu’eel Dhufera Hirjaa Oromoo 34 Sociology 3rd Oromiyaa Ambo
5 Gaashawu Kaasaaw Taarreqeny Amaaraa 33 Water Resource 3rd Amaaraa Daambiyaa
6 Habtaamuu Birruu Bilqee Oromoo 31 Social Work 3rd Kibba Hawaasaa
7 Salaamawit Fufaa Warkasaa Oromoo 35 Geology 3rd Oromiyaa Ambo
8 Iwunatu Sandaq Kaaree Amaaraa 32 Water Eng. 2nd Amara Bahardar
9 Barakat Tashoomee Aseffaa Oromoo 33 Information scien 1st Amara Dassee
Injifannoon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Guutummaan lis kanaa:- Yuuniversitii Goonder Keessaa badii tokkoon malee barattoota arihaman

No comments:

Post a Comment