Sunday, December 22, 2013

Mootummaan Wayyaanee keessa isaa butute suphuuf mala dhawate keessaa aangawoota biyyattii aangoo irraa darbaa jira.

Muddee 28,2013 Finfinnee
Uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa humnaan bulchuuf mootummaan wayyaanee shira hojjetaa ture keessaa inni hangafti aangawoota biyyattii namoota lammummaa Tigiree qabaniin kaan ammoo maallaqaan bituun Uummata ittiin hidhaa, ajjeesaa fi doorsisaa asiin gahe. Yeroo ammaa kana Impaayera Biyyattii keessatti tasgabbii dhabinsa haalaan mudachaa dhufe dura dhaabbachuuf wayyaaneen aangawoota amanamtoota tahan shakkiin guutamuun aangoo irraa darbaa kaan ammoo beektota kanneen jedhu mana hidhaatti Ukkaamsaa jira. Hoogganaa Humna Ibsaa Itoophiyaa kan ture Obbo Abbabaa Alaamirroo mootummaan Wayyaanee akka garaatti dhimma bahuu waan dadhabdeefis maqaa malaammaltummaan aangoo irraa darbitee jirti. Hojjettootni biyyattii keessaa gaaffiiwwan mirgaa kanneen akka dabalinsa miindaa gaafatamaa jiruuf hooggantootni maallaqa saaman dabalatee kaasuun hin oolu sodaa jedhuun wayyaaneen hojjettoota biyyattii keessaa bakka murteessaa kanneen jiran amanamtoota wayyaanee kan hin taane aangoo irraa darbuu ykn ammoo maqaa shakkiin mana hidhaatti ukkaamsuuf saganteeffachuun isaas saaxilamee jira. Mootummaan wayyaanee shira kamuu hojjetus keessi isaa tasgabbii dhabinsaan guutamuun isaa ifa bahee jira

No comments:

Post a Comment