Mudde 18, 2013
Phoenix_1Walgahiin ummataa guyyaa 12/08/2013 magaala Phoenix, Arizona tti taa’ame injifannoo guddaan xumurameera. Walgahiin kuun kan qophaahe dargaggoota oromoo Phoenix jiraataniin yeroo ta’u kaayyoon isaas Haawaasa Oromoo haala adda addaan faca’ee turee deebisani ijaarudha. Walgahi kana irratti ummatni heeddumminaan bahee qooda kan irraa fuudhate yeroo ta’u senaa haawaasa Oromoo naannoo kanaa keesatti qophiin guuddaa akkasi qophaahuun waggaa heedduun booda isa jalqabaa ta’u hirmaattoonni sagantichaa ibsani jiru. Ummata walgahi kanarratti argameef keessuummaa kabajaa ta’udhaan kan haasaa goodhan Obboo kediro Amme fi Dr. Warquu Buurraayyuu tuuran. Obboo Kediroon xiinxala taasisan keessatti tokkummaan Oromoo bara duri haagam jabaa akka turee fi duula bal’aa gabroonfattoonni haabashaa irratti banan irraan kan ka’e laafina inni amma keessa jiruufi, tokkummaa Oromoo laafatee jiru kana deebisani ijaaruun egeree ummata Oromoof haagam barbaachisaa akka ta’e bal’inaan ibsaniiru.
Kanatti ansuun Dr. Warquu Burraayyuun jabiina, laaffinaa fi carraa haawaasni oromo naannoo Phoenix qabu irratti ummata dukaa mari bal’aa gaggeessaniru. Walgahii seenaa qabeessa kanarratti hirmaattoonni walgahichaa tuta tutaan hiiramani jabinaa fi laaffina haawaasa Oromoo Phoenix akka marihatan kan taasisame yeroo ta’u sana booda bakka bu’aan tuuta (group) cuunfaa maree taasisame akka ummataaf ibsan taasisameera. Sana booda Dr. Warquun cunfaa tuuta huundaan dhiyaate walitti qabani eerga manaaf ibsaniin  booda carraa jiruu ilaalchise ummata marihachisaniru.
Akka marii taasisame kanarraa hubatameetti hirmaattoonni walgahi kanaa deebi’ee ijaaramuu haawaasa phoenix irratti yaada tookkoon kan waligalan yeroo ta’u ijaarsi kuun akkammiin ta’uu akka qabu irratti gaaffi fi yaaddoon mana keessaa ka’ee erga irratti marihatameen booda koreen haarayaa ummata keessaa akka fiilamu fi koreen filamu kuniis kooree community duraani waliin gamtaan akka hoojjetu sagalee tokkoon irratti wali galameera. Haala kanaan koreen haarayaa nama ja’a of keessaa qabu kan filame yeroo ta’u koreen lameen kuun (kan duri fi kan haarayaa) akka kooree qindeessituutti waliin dalagu. Dirqamni koree qindeessitu kanaaf keennamees:
1.     Seera buulmaataa (By law) haawaasa Oromoo Phoenix barreessu.
2.     Walgahi  ummataa biraa yaamudhaan seera kana raggaasisu.
3.     Koore haarayaa kan haawaasa Oromoo Phoenix gaggeessu filachisu ta’a.
Wali galan alaa galan!!
Waldaa Dargaggoota Oromoo PhoenixPhoenix_2Dargaggoo Phoenix
Phoenix_3