Friday, December 20, 2013

Tuttuqqaan Wayyaanee Uumata Itti Heddummaachuun Qabsoo Oromoo Cimsa Malee Hin Laaffisu Jedhu Qeerroon Qellaam Anfilloo

Gabaasa Qeerroo Anifilloo Muddee 18,2013
Sirna bittaa isaa kan gita hin qabne fedha isaa guutachuuf jecha saboota biyyattii jiran irratti humna fayadamee baroota 22 gargaaramee jiraachuun isaa ifa-gala kan tahe,yeroo hedduu irra deddeebiidhaan kan gabaafamu uummanni Oromoo ABOf deggersa jabaa fi hundee qabeessa qaba,Qeerroo ABOtiin hoogganama kan jedhuun Wayyaaneen TPLF yoomiyyuu jala deemtota isaan dhaamsa gahuun hordoffii cimaa jiraachuu isaa yeroodhaa yerootti kan dhaammata jiruudha. Kallattii garagaraatin of jalatti dhuunfachuu yaaluun uummatatti dhiyaachaa jira.
Gama tokkoon miidhaa gama tokkoon waadaa gargaarsaa uummata gowomsuu irratti kan argamu akka madda gabaasaa godina Qeellam Anfilloo irraa irra deddeebiidhaan nu gaha jiruutti kan isaf bitamanii hojjetaa jiranillee gocha isaa balaaleffachuu irratti argamaa jiru jedhu,akka ibsa gabaasichaatti sirna bittaa isaaf kan tolu namoota raayyaadhaan ijaaraa,ganda ganda irratti namoota gurmuu gurmuudhaan walitti hidhaa toohataa jira. Yeroo ammaa mormiin adeemsifama jiru yeroon yeroo itti uummanni aanichaa qabeenyaa bunaa qeetti galfatuudha. Qabeenya galfachuun dura mootummaa ofii gabbaruun dirqiidha kan jedhu maqaadhaaf uummata oromoof kan dhaabbanne ofiin jedhan jaleen mootummaa wayyaanee OPDO uummata irratti labsii kana labsaa akka jirtutu dhagayama,haatau malee uummata aanichaa irratti qabeenya keessan badus baduu baatus dursinee qajeelfamaa fi dirqama mootummaa keenyaa galmaan geenya kan jedhan uummata irratti dirqamaan guyyuudhaan walgayii jedhanii qabeenyaan uummataa gama biraan sarbamaa kanneen miliyoona hedduutti tilmaamu ciramee badaa qabeenyaa isaanii kan falmataniif ammoo hidhaa waggoota 5nii olii itti murteeffamaa osoo jiruu kanuma irratti ammoo uummataan qabeenyaa keessan galfachuun fedhaa fi dirqama mootummaa keenyaa erga raawwannee booda jedhuun labsii yoo labsanillee Muddee 02 irraa kaasee yoo jiraannee fi qabeenyaan keenya yoo sirnaan eegametu mootummaa gabbarra kan jedhan yeroo hedduu Aanaa Anfilloo irratti bakka buanii kanisaaf hojjetanillee gara uummataa tahuudhaan ajajamuu diduu irratti argamanii jiru,godina irraa gara federaalatti gabaasaa gochuun uummanni Aanaa Anfilloo mootummaa ajajamuu diduu fi caasaan qabnullee dirqama kenname galmaaan gahuu dhabuu irraan miseensummaa keessan nutti haa hafu yeroof jiraachuuf jennee jilbeenfachaa turre jedhanii yaada dhiyeessaa jiru, uummata nurratti kan ijaaraa jiru caasama keenya kan kanaan dura nuuf hojjetaa turaniidha jedhuun hanga federaala irraa gara sanatti ergamanii toohannoo fi hordofii akkasuma qorannoon gaggeeffamutti deemaa akka jiran gabaasaan Qeerroo magaalaa Dambi Doollo irraa addeessaa jira.
Dabalata barattoota mana barumsaa gadii irrattis kan xiyyeeffate akkuma manneen barnootaa sadarkaa olaanaa fi yuuniversiti irratti ajandaan miseensummaa dhaabaa guutuu fi guuchisuu irratti xiyyeefatanii jiran miseensa dhaaba keenyaa guutuun dirqama hanga kana hin guunnetti barataa keenyaa fi mana barumsaa mootummaa keessatti barachuuf mirga hin qabu jechuun dorsiisaa jiru,kan miseensa keenya hin taane ifatti miseensa dhaaba ABO ti jedhuun,miseensa ABO tahuun ammo hidhaa waggaa hedduu fi manneen barumsaa irraa ariyuun biyya keessatti mirga jiraachuu dhabuu fi mana barumsaa itti baratu dhabuu dandaa,qabeenyaan isaa illee mootummaaf taa jedhanii hanga kanaatti doorsisaa akka jiran Qeerroon gabaasa. Akka walootti uummanni aanichaa akkasuma caasaan mootummaa wayyaanee uummata oromoof naatoo qaban ,kan gocha mootummaa wayyanee mormaa jiran ilma namaa tuttuqaatu bade,nu tuttuquun keessan umurii keessan gabaabsaa jira,ilmaan oromoo rakkoon isa mudatu yoo baayate dua hin darbu eenyummaa keenyaa fi mirga qabnuuf yoo duunes boruu galata qabna kan jedhutti amananii ija jabinaan doorsisa jiruuf gurra hin ergisinaa jedhanii dhaamsa waliif dabarsaa fi gama diddaa jiru hundaattu wal akeekaa akka jiran maddi gabaasaa kanaa addeessa. Dhimma kanaaf Qeerroon aanaa kana irratti wal arguun ibsa baafatu gabaasaa waliin walitti deebina.

No comments:

Post a Comment