Saturday, December 28, 2013

Walga’iin Wayyaaneen Yuunivarsiitii Jimmaatti Eebbifamtotaaf qopheesse Diddaa Qerroon Fashalaa’e.

Muddee 27/2013 Ebbifamtootni Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa Walgaii eebbifamtootaf jedhuu mootummaan Wayyanee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Kolleejjii Qonnaa keessaatti qopheessuun wamee irratti ebbifamtootni argaman mootummaa Wayyaanee balaaleffachuun guutummaatti walgaii Wayyaanee dhiitani kaan. Mootummaan Wayyanee Walgaii guddaa eebbifamtoota baratoota Yuunivarsiitii Jimmaaf Walgaii eebbifamtoota miseensummaa Wayyanee fudhachiisuuf kaayyeeffatee qopheessuun eebbifamtoota maqaa hojiitti ramadamtuu jedhuun kayyoo dhoksaa rakkoo siyaasaa biyyaatti hudhee isa qabee jiruu fi warraaqsaa qeerroo bilisummaa Oromoo isa raasaa jiruun raafame eebbifamtotaa sossobachuuf yaalus baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa kanneen miseensummaa OPDO fi wayyaanee qaban illee utuu hin hafiin yeroo Dabballoonni sirnicha ajendaa siyaasa wayyaanee gadi fuudhaan guutummaatti nuti olola sobaa fi shiraan guutame hin barbadnu biyyii keenyaa mootummaa hin qabdu jechuun walgaii dhiituun kaani.
Walgaii kana keessaatti adda durummaan Qeerroon dargaggotni Oromoo dabbalota wayyaanee dubbii dhorkuun walgaiin wayyaanee kun milkii malee akka hafuu gochuun,boodarra barattoota ilmaan sabaa fi sablamoota cunqurfamoo biyyaatti dabalachuun barataan tokkoo illee galma walgaii guddaa mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Koolleejjii qonnaa keessatti argamuu duwwaatti hambisuun walgaii wayyanee fashaleessan.
Mootummaan wayyaanee durumaan iyyuu of shakkii guddaa keessaa seenuun mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa human poolisaa fi waraanaan eegaa kan jiru, baratootaa waltajjii wayyaanee cabsanii kaan poolisotaan dura goree sossobuuf yaalus baratootni diddaa isaanii jabeessuun gonkuma siyaasa wayyaaneen ofaa jirtuu hin fudhannu jechuun walgaii wayyaanee gutummatti fashaleessan. Walgaii kana irratti harkii guddaan baratootaa miseensuma mootummaa wayyaanee warraa turan tauun mirkanaaera.
Dabbaalloonni mootummaan Wayyaanee dirqama baratoota Oromoo fi ilmaan Cunqurfamoo biyyaatti miseensummaa wayyaanee fi jaladeemtota wayyaaneetti ijaaruuf ramadamaan walitti deebiuun qoraannoo fi walshakkii wal irraatti kaasuun wal dhabdee guddaan gidduu dhabbolee
siyaasaa wayyanee TPLF, OPDO, warraa Amahraa fi warraa kibbaa gidduutti waldhabdeen guddaan uumamuun wal nyaachaa jiru. Keessaattuu warraa OPDO irratti dhabboleen sadan TPLF, Amahraa fi warri kibbaa , Walgaii miseensota keenya fi warraa miseensummaf kaadhimamuu dandaan waamaa jennan ABO nutti waamtani jechuun irra deedeebiuun OPDO irratti yaada kaasan, ergamtuun wayyaanee OPDOn immoo walgaicha dhiitee kan kaee Oromoo qofaa miti baratoota waliigala eebbifamtoota jechuu ille sodatani argaman.
Gamtaan Qeerroo barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa jarraa 21ffaa keessaa utuu beekanii dhugaa qabataman sirni abbaa irree Wayyaanee EPRDF murna xiqqaan biyya bulchaa jiruu kun qabatee jiru utuu arginuu abbaa irruummaaf tolee jedhanii miseensa fi deeggaraa tauun doofummaa, walaalummaa, garbummaa sammuu qabachuu, qarooma addunyaa irra fagaachuu, gaaddidduu walalummaa keessaa jiraachuu fi boodatti hafummaa tauu barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa fi barattoota waliigala biyyaatti hundaaf dhamsaa guddaa dabarsuu, hanga mootummaan abba irree wayyaaneen human afaan qawweetiin angoo biyyatti dhuunfatee jiru hundeen buqqautti sochiin warraqsaa biyyoleessaa qeerroon durfamu jabaatee bifa qindaaeen kan itti fufu tauu hubachiisan.

No comments:

Post a Comment