Wednesday, December 11, 2013

Daraggooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Barruu Warraaqsaa Raabsan.

Gabaasa Muddee 10,2013 Jimmaa
L.Habashatti Sadaasa 29/2006 ykn muddee 9/2013 sabaa fi sablammootaaf ayyaana kabajuu sababa jedhuun uumata walitti qabee waayee mishoomaa fi dimokraasii dhugaan hin jirre lallabuuf jedha mootummaan wayyaanee sagantaa qabatee jira. Dabballoota bobbaasee uumataan dirqiin kabajaa jechuuf fi dhaabbiilee barnootaa olaanoo keessatti kabachiisuuf eegalee yeroo jirutti, sabboontotni goototni ilmaan Oromoo Qeerroon Yuunivarsiitii Jimmaa olola Wayyaanee kana dura dhaabbachuun barruulee warraqsaa akeeka kana balaaleffaatu bittineessan.
1. Ayyaanni sabaa fi sablamootaa Wayyaanee Uummata biyyatti hundaa hin ilaallatu.
2. Wayyaaneen bara turtii aangoo isaa kanatti sabaa fi sablammoota biyyatti walitti diruun dhiiga wal dhangalaasisee, lubbuu sabootaa kumatamaan lakka’amu balleessee jira. Addatti Oromiyaa keessaatti uummataa Oromoo irraatti yakka dangaa hin qabne dalagamera, Godina Harargee Bahaatti Sumaalota hidhachiisuun ilmaan Oromoo dhibbootaan lakkaa’aman bakka isan qotatanii fi jiruuf jireenya isani gaggeeffatanitti qee’ee isanitti ajeesisa jira., Godina Booraanatti sabuma tokkicha Gabraa fi Garii waliitti diruun lubbuun dhibbaan lakka’amu badeera, Godina Booraanaa, Gujii fi Baaleetti yakkonni fakkatan Sumalotaa fi saboota biroo hidhachiisuun ilmaan Oromoo meeshaa maleeyyiin ajjeefamaniru.
3. Godina Dhihaa Oromiyaa Wallggaa Bahaa fi Wallaggaa Lixaatti
Gumuuzota meeshaa waraanaa hidhachiisuun gama tokkoo dhaabbatee gochaa duguuginsaa sanyii ilmaan Oromoo irratti rawwaachuun dubartotni garaatti baataan illee utuu manatti hin hafiin lubbuun ilmaan Oromoo kumotaan lakka’amu wayyaaneen ajjeesee ajjeesise jira..
4. Mooraa dhabbiilee barnotaa Olaanoo Yuuniversitota,Kolleejjota fi Manneen barnotaa sadarkaa lammaaffa har’a ayyanaa sabaaf sablammoota kabajuun dirqama keessaan wayyaaneen jechaa jiru kana keessatti Baratoota sabaa fi sablamotaa biyyaatti gidduutti Ummataa Oromoo jechotaa fokkataa fi dhiigaa nama danfisuun arrabsise barattoota walitti diruun gama ilmaan warraa kaabaa dhaabbatee barattoota Oromoo irratti rasasaa roomsuun lubbuun baratoota dhibbaan lakka’amani ajjeefamera, baratootni hedduun barnotaa irra arii’atamaniru, hedduun ukkafamani hidhamanii jiru.
5.Godina Jimmaatti Ummataa Oromoo fi Bertaa walitti diruun dhiigaa waldhangalaasisera, keessaattuu godina Jimmaatti Hordoftotaalee adda addaa walitti buusuun wayyaanee fi hojii isaa godhatee dhimma amantii keessa galuu irraa dhaabbachuu qaba jenna.

No comments:

Post a Comment