Thursday, December 26, 2013

Diddaa Uummatni Oromoo Godina Gujii saaminsa warqee dura dhaabbataniin wal qabatee hojjettootni 3000 ol tahan hojii dhaabuun shira wayyaanee fashalsan

Muddee 26,2013
Diddaan mootummaa wayyaanee irratti gaggeeffamu daran jabaachaa dhufe. Godina Gujii Oomisha Warqee Adoolaatti ilmaan Oromoo saaminsa qabeenyaa fi lafa Oromiyaa dura dhaabbachuun saaminsa mootummaan wayyaanee gaggeessaa jirtu dura dhaabbachuu irratti argamu. Haala kanaanis hojjettootni baasa warqee irratti bobbaan diddaa kanaan wal qabachuun 3000 ol tahan hojii kan dhaaban yoommuu tahu mootummaan wayyaanee hojiitti hin deebitan taanaan miindaan jiaa isinii hin kaffalamu jechuun doorsisa jabaa gaggeessaa jira. Diddaa kana dura dhaabbachuufis wayyaaneen Ilmaan Oromoo isintu kana qindeessa jechuun doorsisa jabaa gaggeessaa jira. Sabboonaan Oromoo Dambii Qumbii jedhamus darara mootummaa wayyaanee kana keessatti argama. Mootummaan wayyaanee shira kamuu gaggeessus qabeenya keenya hin laannu jechuun Uummatni Oromoo diina dura dhaabbachuu irratti argama.

No comments:

Post a Comment