Thursday, May 1, 2014

Breaking News:-Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalli Aliiboo tohannaa Wayyaanee jalaa baatee Harka Uummataa galte!

Mootummaan Wayyaanee gaaffii abbaa Biyyummaa karaa nagaa gaafatame deebisuu diduudhaan barattoota Oromoo Jumlaan mana hidhaatti naqaa kan as gahe dhaabbachuu qaba jechuudhaan Uummatnii fi Dargaggootni Oromoo magaala Aliiboo ” Wayyaanee Sii Wayyaaree?” jechuudhaan Magaala Aliiboo Rasaasni wayyaanee akka bokkaa osoo roobuu tohannaa isaa jala galchatee jira. Bara Mootummaan wayyaanee burkutaa’etti Oromoon gamtaan ka’uu qaba jechuudhaan Ka’i Oromoo jechuudhaan dhaadannoo isaanii dhageessisaa oolanii jiran.
Waraanni wayyaanee rasaasa dhukaasuudhaan akka bokkaa roobsus sagaleen Uummata Oromoo dhagahamuu qaba jechuudhaan Uummatnii fi Qeerroon gamtaadhaan Injifannoo fi magaala Aliiboo rasaasa qabu dhagaan baasuun tohannaa isaa jala oolfachuu isaa walleewwan garaa garaadhaan Magaala Aliiboo tohatanii jiran. Uummatni Oromoo magaala Kanaa guutummaadhaan poolisoota Wayyaanee arii’uudhaan magaala dhuunfatee injifannoodhaan ililchuu irratti argama.

No comments:

Post a Comment