OPDO.jpg saamtuuCaamsaa 8/2014 Erga Wayyaaneen maqaa koree tasgabbii jechuun ergamtoota Wayyaanee jila Abbaa Duulaa Gammadaa Waliin gara Godina Lixa Shaawatti bobbaaftee as ilmaan Oromoo nagaan 600 ol ta’an julmaan qabamanii hidhamaniiru, Sakkatta’insii guddaan Amboo irratti gaggeeffamaa jira, ilmaan Oromoo dhibbaan lakka’aman barbaadamaa jiru. Abbaan Duulaa Gammadaa Uummata julmaan hiisisuuf ergama diinummaa fudhatee bobbaafame. Erga Abbaan Dulaa Amboo seenee ijoolleen dubaraa illee julmaan hidhaatti guuramaa jiru: Shamarraan Oromoo Magaalaa Amboo keessa ukkanfamanii eessa buuteen isaanii dhabamee jiru keessa muraasni; 1.Shamarree Ayyaantuu Dagaagaa mana daldala huccuu aadaa Oromoo kan qabduu 2.Shaamarree Burgudee Araarsaa 3,Shamarree Baqqaluu Gidaada 4.Shamarree Dammee Taddasaa kanneen keessatti argaman ilmaan Oromoo ijoolleen dubaraa umriin isaanii waggaa 15 gadii illee kan keessatti argamaan ukkanfamuun hidhatti guuram