Monday, May 19, 2014

Mootummaan Abbaa Irreee Barattoota Oromoo Adamsee Ajjeesuu, Hidhuu , Gara Dabarsuu fi Biyya Irra Ari’ee Wararsuu Toofta Godhatee Jira.‏

Caamsaa 17/2014  Gabaasa Qeerroo Jimmaa
Qeerroo bilisummaaGochaan gara jabinaa mootummaa Abbaa irree Wayyaanee FDG dhaabuu hin dandeenye, humnootni tikaa Waraanaa fi Poolisootni mootummaa abbaa irree Wayyaanee barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa hordofanii ukkamsuun mana hidhatti galchuu jabeessuun itti fufe.
Barattoota Oromoo mootummaa abbaa irreen hordofaman keessa barattootni hedduun yeroo amma kana Yuunivarsiitii Jimmaa, Adaamaa, Harammayyaa, Amboo, Wallaggaa irraa ukkanfamuun hidhaatti darbamaa jiru.
1. Barataa Leejjiisaa Alamayyoo Mummee mechanical Engineering Yuunibarsiitii Jimmaa irra eessatti akka hidhaman illee kan hin beekamne,
2.Barataa Abdii Turaa mummee seeraa waggaa 5ffaa Yuunibarsiitii Jimmaa irraa, wajjira Poolisii Magaalaa Jimmaa lakkofsa tokkotti hidhame jira
3. Barataa Israal Haptaamuu Yuunibarsiitii Jimmaa irraa,wajjira Poolisii Magaalaa Jimmaa lakkofsa tokkotti hidhame jira
4. Barataa Huseen Umar Mumme Afaan Oromoo waggaa 3ffaa Yuunivarsiitii Jimmaa Irraa,wajjira Poolisii Magaalaa Jimmaa lakkofsa tokkotti hidhame jira.
5. Barataa Walabummaa Dabalee Yuunibarsiitii Adaamaa Mummee Civil Engineering waggaa 5ffaa barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Adaamaa hiriyoota isaa waliin humnoota tikaa Wayyaaneetiin Camsaa 16/2014 ukkanfamanii qabaman hanga ammatti lafatti hidhaman illee hinbeekamiin jira.
Ajjeechaa, hidhaa fi dararan qabsoo FDG goototni barattootni Oromoo gaggeessa jira, dhaabuu hin dandeenye, Mootummaan Wayyaanees haala kanatti naasuu ulfaataa keessa seenuun ilmaan Oromoo nagaa dhukaasee ajjeessuu, adamsee hidhaatti guuruu, fi wareersee biyya irra arii’achuu irratti argama. Haala kanaan barattootni Oromoo hedduun Yuunibarsiitii Jimmaa irraa Barnoota dhaabuun gara maatii fi firoottan isaniitti baqachaa jiraachuun hubatame jira.

No comments:

Post a Comment