Wednesday, May 7, 2014

Wallagga Keessatti,WBOn Loltoota Wayyaanee FDG Dura Dhaabbachuun Uumata Hiraarsan 5n Irratti Tarkaanfii Fudhachuu ABOn Beeksise.

WBOn Loltoota Wayyaanee FDG Dura Dhaabbachuun Uumata Hiraarsan 5n Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Beeksise

(Madda Oduu ABO/MOA/ Caamsa 5, 2014)
Caamsaa 2/2014 Gootichi Humni Addaa WBO dhiignii fi gumaan ilmaan Oromoo hiriira irratti diinaan dhangala’ee lafatti hin haftu jechuun godina Wallaggaa bahaatti tarkaanfii haleellaa fudhatu jabeessee itti fufe. Haaala kanaan Onaa Siree Magaalaa Siree keessa seenuun humna waraanaa Wayyaanee irraatti tarkaanfii fudhateen loltoota Wayyaanee namoota Shan kanneen FDG dura adda durummaan dhaabbatan ajjeessuu gabaafame.
Loltoota Wayyaanee kunniin uumata hiraarsaa turanii fi FDG Siree fi Naqamte keessatti qabsiifame dura dhaabbachuun adda durummaan hojjetan
1. Maarii Asfawu,
2. Lijaalem Wandimuu
3. G/sillaasee kanneen jedhaman keessatti argaman haleeluun gumaa uummata isaa fi qabsoo bilisummaa uummata Oromoo galmaan ga’uuf tarkaanfii jabeessuu ajajni humna addaa WBO godina dhiha Oromiyaa beeksisee jira.
WBO godina dhihaa sochii warraaqsa amma uummanni itti jiruu fi FDG amma gaggeeffamaa jiru kun seenaa uummaata Oromoo keessatti bakka olaanaa kan qabachuu danda’udha jechuun uummaanni keenyaa haalaa kanaan jabaatee yoo itti fufu dhaammataa,mootummaan wayyaanee lukkeelee bobbaasee uumata keenya rukuchiisus WBOn bakka iyyuuttuu bifa kamiinuu ummata isaatiif waardiyyaa dhaabbachuun lukkeelee tokko lamaan akka funaan ajaji WBO godina dhihaa beeksisa

No comments:

Post a Comment