Thursday, May 1, 2014

FDG Baalee, Magaalaa Roobee fi Yuuniversitii Maadda Walaabuu Keessatti Ka’e Daran Hammaate

Waraanni Wayyaanee Lola Uumata Oromoo Irratti Baneen Baalee Roobee Keessatti Oromoonni Hedduu Wareegamuu fi Madhaawuun Gabaafame. Kanuma Waliin Loltooti Wayyaanee 2 ta’anis Akka Ajjeefaman Beekame.

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 1,2014 Baalee Roobee

Hanga saa’aa amma kanatti humni Agaazii faashistii Wayyaanee baratoota Oromoo University Madda Walaabuu kanneen reeffi argame 20ma kan ajjeessan yoo tahu baratootaafi ummatni ajjeeffame lakkoofsaan sanii ol-akka tahe J/Q/A-amma gabaase. Hanga ammaatti magaalaa Roobee humni Agaazii Wayyaanee mana manaan seenuun ummata tumuutti jira. Dubartootni miidhaan hamaan irra gaye kudhan gahanii jiru. Ambulaansiin magaalaa guutuu keessa fiiguun reefaafi mado guuraa jirti jedha.Namni tokko manaa akka gadi bane labsame illee uummaani tole jedhee Wayyaaneef hin abboomamne.Haalli jiru guddoo gaddisiisaafi suukaneessaadha jedha.
RoobeeFDG baratoota Oromoo Oromiyaa Yuuniversitiilee hunda keessatti argamaniin Oromiyaa keessatti dhoohe baratootni oromoo GKBahaa magaalaa Roobetti argaman kanneen Yuuniversiitii Madda Walaabuufi manneen barumsaa ol aanon sadarkaa 2ffaa baatuufi hedduun fincila guyyaan guyyaa walirraa hafnuu miiti,jechuun qophii akkaan guddaafii wayyaanota rifachiise qopheessanii hiriira nagaa ganamarraa hanga galgalatti bahuun suuraalee qabsawota sabaaf wareegamanii fi barattoota Oromoo Wayyaanotaan badii malee ajjeeffamaniifi faaruu alaabaa faarsuun ABOn dhaadataa turan.
Humni Agaazii wayaanee barattoota marsee jennaan ummatni gootummaan hiriira baratoota ilmaan isaatti makamuun dhaadannoolee dhageesisuun hanga wayyaanotaafii lukkeelee isii garaan gubatuttu ABO-faarsaa ilmaan oromoo badii malee mana hidhaatti guurtan haa hiikaman,baratoota oromoo qaroo ilmaan lafaa dhufan mirga saba isaanii gaafachuu isaaniitiif hidhuu,tumuu,rasaasaan ajjeessuu,biyya Oromoo humnaafi qawwee harka qabdan abdachuun ciccirtanii alaguuf gurguruun dhaabbachuu qaba,ummatni oromoo biyya abbaa isaa irratti guyyaa guyyaan akka gadamsaatti adanfamee ajjeeffamuu nurraa dhaabbatuu qabaafi gaaffiilee hedduu kkf kaasee dhageesisuun Wayaanota abdii kutachiisaa oole.humni Agaazii wayaanee baratoota yuuniversiitii madda walaabuu marsee jala buluun ganama kana saa’aa 08:00am irraa kaasee humnichi baratoota Yuuniversiitii madda walaabutti seenuun baratoota reebichaa fii tumuu aansuun baratootni gootummaan humna Agaazii wayaanee hanga funyaanitti hidhachiifamee itti ergame dura dhaabbatuun saa’aa sadihii ol-dhakaafii waan naannoo argataniin of irraa loluun humnicha harkaa cabsanii alatti yeroo baafatan humni agaazii Wayaanee baratoota irratti rasaasa roobsuu eegallaan ummatni guutuun ilmaan Oromoo hin hafnu jechuun baratootatti makamuun humni agaazii Wayaanee baratootaafi ummata Oromoo saa’aa 08:00am-irraa eegalee lola irratti adeemsisaa ture.
Lola kanaan humni agaazii Wayaanee lama (2)du’ee sadi(3),madaa’uutu mirkanaawe.Karaa baratootaa hedduun wareegamuu fi maayyii irratti dhukaasni heddumaaturraa namni madaaye fi du’e bakka bakkaatti hedduu tahuutu shakkama.Hanga ammaa wanni qulqullaawe hin jiru.hadaamaas walitti bu’iinsa fakkaataa taheen baratootni hedduun madaa’uufii wareegamuu himan.

No comments:

Post a Comment