Monday, May 5, 2014

Oromian News in brief: May 4,2014 Caamsaa 1,2014 hanga Ebla 4/2014tti Godina Wallaggaa Onoota garaagaraa keessatti Fincilli diddaa garbummaa(FDG)’n qabsiifame hanga har’atti jabaatee itti fufee jira.

Uummaanni Oromoo fi barattootni Oromoo dhaabbata barnoota garaagaraa hanga manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti barachaa jiran gaaffii guddaa dhimma bilisummaa Oromoo fi mirga abbaa biyyummaa karaa nagaan gaafachuun hiriira nagaa kan uummata qotee bulaa  hirmachiseetu gaggeeffama jira, bifuma kanaan Onoota akka Haroo Limmuu, Limmuu Galiilaa, Guutoo Wayyuu, Guutoo Giddaa, Kiiramuu, Giddaa Ayyaanaa, Heebantuu, Arjoo, Gatamaa, sibuu Siree, Nuunnuu Qumbaa, Bakkoo, Billoo
Boshee, Guttiin, Diggaa Sasiggaa keessatti yeroo amma kana manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaatti jiran guutummaatti barnoota dhaabuun cufamanii FDG uummata waliin gaggeeffachaa jiru.
FDG kana dhaamsuuf Mootummaan garboonfataa Wayyaanee waraanaa fi humnapoolisa federaalaa uummaataa fi dargaggoota dura dhaabee dorsisuus doorsisni  abbaa irree FDG uummataan fashalaa’a jira.
Onaa Limmuu Galiilatti poolisiin Federaalaa Sochii uummataa dhaabsisuuf uummataa reebuun hedduu hiraarsuu irraa kan ke’e uummata hedduu  aarsee gara of irraa ittisuutti akka seenan taasise.Hhaala kanaan uummanni konkolaataa poolisii federaalaa tokkoo dhagaan reebee caccabsuun tajaajilaan ala godhee jira.
Haaluma walfakkaatuun hiiriirri nagaa gaaffii mirgaa abbaa biyyummaa fi bilisummaa uummataa Oromoo fiduuf gaggeeffamuu Godina Wallaggaa lixaa Onoota garaagaraa fi University wallaggaa damee Gimbiitiin jabaatee itti fufe jira. Onoota kanneen akka Inaangoo, Najjoo, Arjoo Guddattuu, Dongoroo, Gimbii, Ariyaa, Gullisoo, Asoosaa, Gidaamii, fi Beegii fa’itti diddaan uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. uummaanni karaa nagaa fi dimookiraasii ta’een yaada isaa dhiyeefgfatee isin nu hin bulchitan nuti ofiin of bulchuu barbaadna jechuun dhaadannoo dhageesisuun FDG qindoomina qabu gaggeessa jira.
Godina Horroo Guduruu Wallaaggaattis haaluma wal fakkaatuun uummaanni Onoota akka Jaartee ,Jaardagaa, Hammuruu, Hagamsa,fa’itti FDG uummataa fi barattoota Oromootiin gaggeeffama jira. Guyyaa har’aa immoo Magaalaa Shaambuu keessatti FDG guddaatu eegama jira.
Caamsaa 1/2014 Ajajootni Dhibbaa polisootni dhalootan Oromoo ta’an Magaalaa Naqemtee irra qabamuun mana hidhatti darbatamaniru. poolisotni Oromoo hidhaman kun Oromummaa fi FDG gaggeeffamaa jiru keessa harka qabdu jechuun hidhaman. maqaan isaanii 1.Ajajjuu dhibbaa Haataatu Raggaasaa Dhiinsaa, 2,Ajaja dhibbaa Taddasee Laggasee Gammachuu, 3,Ajaja dhibbaa Ayyaanaa Milkeessaa Raggaasaa, fi 4.Ajaja Alamuu Qixxeessaa Sanyii kanneen jedhaman uummaata waliin hiriirtan
isiin diina jechuun qabamani hidhaa galfamanii jiru.
Itti fufee Godinaa dhiha Oromiyaa keessattuu onaa Begii,Gidaamii,Jimmaa Horroo,Qeebbee,Qaaqee,Haroo Sabbuu fi kkf kessatti FDG haalaan itti fufee jira.Kaleessaa fi har’a jabaatee itti fufeera.Jarsoliin biyyaa mootummaa fi baratoota gidduu seenuun dubbachaa jiran.Humni federaalaa namoota hedduu qabee hidhaa jira.Hiriira guddaa har’a magaalaa Begiitti taasifameen poolisiin oromiyaa naannoo sanaa uffanaa polisaa fi hedhannoo guutuu hidhatan  ummata  woliin hiriira bahuun Pilaana qinadaa’aa magalaa Finfinee fi nanna’a addaa oromiyaa akka hojii irra hin oolle.Namooni ilmaan oromoo ajjeesan seeraaf haa dhihatan.Hidhaa fi ajjechaan haa dhabbatu.Oromiyaan kan Oromoo ti.Finfinneen kan Oromiyaa ti fi kkf dhadannoo jedhu dhagesisan jiran.Hiriira sana
irrattis irra guddaan qotee bultoota badiyyaa dhufantu irratti argame. Nutis akka jiratonni naannoo dhimmi kun irra guddaan dhima silaa mootummaan naannoo Oromiyaa gaafachuu qabu ture.Nuti isin filanne waan bakka isin buufanneef samicha dachee oromiyaa irra gahu nu irraa dhabsisuuf iyyachuu qabdan kan jedhu akka bulchinsaa fi qaamolee mootummaa adda addaa naannoo isaanii jiranitti himanii hanga danda’ametti ofitti dabaluu carraqan ture.Kan biraa diddaa sana gara badiyyatti gadi buusuun qotee bulaan akka mootummaa kana irratti fincilu gochuu irratti akka jabatan itti dhaamne.Haala nama jajjabeessuun deemaa jira.
Qonnaa Hindii guddaa maqaan “Ethiopian” (Wallaggaa)  Green Focus jedahamuu fi Baha Wallaggaa nannoo Ukkee Qarsaa Laga Harree fi Alaltuu gidduu lafa bal’aa irra jiru irratti kan hojjatan hojjattootni qonnaa kanaa gaaffiin barattootaa haa deebi’uu jechuun hojii dhabanii jiran. HIndootni abbaa qonnaa kanaa qonnaan isaanii Mangaa fi kkf bishaan dhabee badaa jiraatuu irraa hedduu rakkina akka seenanii jiran gabaafamee jira

Caamsaa 5,2014 irraa kaasee Itti fufi FDG Oromiyaa guutuutti qabate ammoo walii gala Oromiyaa keessatti bifa daran jabaateen itti fufsiisuuf caasaan Qeerroo Bilisummaa qophii xumree jira.

No comments:

Post a Comment