Friday, May 2, 2014

Latest News: Godina Wallaggaa lixaa aan aa Ganjii Mana barum saa sadarkaa lammaff aa Ganjii Ganjii kee ssatti Barattootni H iriira gaggeessun dh aadannoo dhageessisu u irratti argamu

FDG Jabaachuudhaan kan itti fufe Godina Wallagga Lixaa aanaa Ganjii mana Barumsaa sadarkaa lammaffaa Ganjii keessatti barattootni Oromoo Hiriira jabaa gaggeessuudhaan Mormii jabaa sirna wayyaanee irratti gaggeessuu irratti argamu. Barattootni kunneen gamtaadhaan ka’uudhaan dhaadannoo garaa garaa dhageessisaa oolan keessaa
1. Lafa naannawa Oromiyaa murree hin laannu
2. Barataan ajjeefamuu fi arii’atamuu hin qabu
3. Oromiyaan kan Oromooti
4. Gaaffii mirgaa gaafachuun shororkeessaa nama hin godhu
5. Mootummaan wayyaanee garboomfataa dha
6. Oromiyaan ni bilisoomti
Kanneen jedhanii fi kanneen biroo dhiyeessuudhaan hiriira bal’aa gaggeessanii jiran. Mootummaan wayyaanee dhiibbaa kamuu gaggeessu Barattootni Oromoo gamtaadhaan ka’uudhaan dhaadannoo dhageessisuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Gaaffiin Barattoota keenyaa gaaffii abbaa biyyummaati gaaffii mirgaati jechuudhaan Uummatni Ganjii barattoota waliin tahuudhaan dhaadannoo dhageessisuu fi gaaffii abbaa biyyummaa finiinsuu irratti hirmaannaa jabaa godhanii jiran. Uummatni Oromoo ka’aa jechuudhaan Qeerroo bakka maraafis waamicha dabarsanii jiran.

No comments:

Post a Comment