Thursday, May 8, 2014

WBOn Kibba Oromiyaa Keessa Sosso’u Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Isaa ABOn Beeksise.

Gootichi WBOn Moora Waraana Wayyaanee Guddaa Moyyaalee Jiru Weeraruun Tarkaafii Jabaa Fudhate

OromiyaaMadda Oduu ABO/MOA/Caasaa 6, 2014 Dhiigni Barattoota Oromoo fi ummata Oromoo falmii mirga abbaa biyyummaa irratti dhangala’ee fi lubbuun ba’e yeroo fi bakka fedhettuu haa ta’u gumaan isaanii ni deebi’a jechuun WBOn Godina Kibbaa Tarkaanfii Qubsuma waraana wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 15 ol hojiin ala godhe.
Gootichi WBO Godina Kibbaa gumaa ummata isaa baasuu fi bilisummaa ummata Oromoo dhugoomsuuf falmaa geggeessaa jiru Caamsaa 06, 2014 barii guyyaa har’aa sa’aa 6:00 irratti magaalaa Moyyaleetti kan argamu kaampii waraana wayyaanee guddicha irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen loltoota wayyaanee 8 ajjeesuun, 7 ol ammoo akka hamaa madeessuun injifannoo galmeessuu isaa Ajaji WBO Godina Kibbaa beeksiseera.
Mooraan waraana Wayyaanee magaalaa Mooyyaleetti argamu kun humna kumaandoo fi poolisa Federaalaan jabeeffamee dahannoo cimaa tolfatee kan achi maadheffatee jiru ta’uu kan ifa godhe Ajaji WBO Godina Kibbaa, WBOn murannoo fi kutannoon tarkaanfii irratti fudhateen kasaaraa gudddaa irraan gahuu oduu tarkaanfii waraanaa ergeen beeksiseera.
Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibbaa tarkaanfii qubsuma waraana Wayyaanee magaalaa Moyyalee irratti fudhate kanaan qawweelee AK. 8 fi rasaasota gosa adda addaa hedduu booji’uun dantaa QBOf kan oolche oggaa ta’u, qabeenya diinaa tilmaamni isaa guddaa ta’es barbadeessee jira.
Waraanni Wayyaanee tarkaanfii WBO Godina Kibbaan irratti fudhatameen baarage meeshaalee gugurdaa karuma arge irra dhukaasuun ummata nagaa naannoo jiraatu gooluu fi balaa irraan gahuunis ibsameera.
Tarkaanfiin diinaa fi ergamtoota diinaa irratti fudhatamu bakka hundattuu jabaatee itti fufa kan jedhe Ajaji WBO Godina Kibbaa, ummatni keenya wareega fedheefuu osoo hin jilbeenfannee fi harka hin laanne, falmaa mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaaf godhaa jiru caalaatti jabeessee akka itti fufuu qabu dhaamee, WBOs karaa isaaf danda’ame hundaan osoo aara hin galfanne gumaa lammii isaa baasuuf kan warraaqu ta’uu beeksiseera.

No comments:

Post a Comment