Thursday, May 29, 2014

Qormaata Biyyooleessaa kutaa 10ffaa Kennamu irratti FDG itti fufe.

Caamsaa 27/2014 irraa eegaluun akka guutuu biyyaalessaatti qorumsa biyyaaleessaa kutaa 10ffaa keennamuuf wayita egaalutti Godina Lixa Shawaa Ambootti barattootni Oromoo m/b sadarkaa 2ffaa Liibaan Maccaa Amboo, fi M/b Amboo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa hanga barattootni Oromoo nu gidduudhaa hidhaman hiikamaniitti qorumsaa hin fudhannuu, mootummaan waraanaan nu jeeqaa ture barnoota utuu hin baratiin qorumsa irra ta’uun bu’aa maalii qaba jechuun gaaffii kaasaniinn waraanaa Wayyaanee humnaa ol itti bobbaafameen doorsifamanii akka qorumsa seenaan taasifamera.
Godina Bahaa Wallaaggaa Magaalaa Naqemteettis haaluma walfakkaatuun barattootni kutaa 10ffaa mormii guddaa dhageesisaa
qorumsicha qoramaa jiru. M/b sadarkaa 2ffaa Dargee, fi Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa magaalaa Naqemtee keessatti argaman hundi
hanga barattootni Oromoo nu gidduudha badii tokko malee hidhaman hiikamanitti qorumsa hin fudhannuu jechuun mormii guddaa kaasanii
humna waraanaa waayyaanee hedduminaan itti bobbaafameen dirqisiifamanii qormaata akka seenaan ta’ee jira. Haala kanaan
barattootni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa kutaa 1offaa Godinalee dhihaa Oromiyaa keessatti argaman yeroo amma kanatti qorumsa biyyaalessaa kutaa 10ffaa qoramuu irratti yeroo argamanitti humna waraanaa fi humnoota tikaan doorsifamafi eegamaa sammuu nagaan akka qorumsaa hojjetanii qabxii gaarii hin galmeessineef shoroorkeeffamaa jiraachuun gabaafamera

No comments:

Post a Comment