Thursday, May 22, 2014

Yuniversity illee Oromiyaa mara keessaa miseensoota OPDO kan nyaachuuf jiraatanii,ilmaan nafxanyootaa fi ilmaan Kilaashinkoovota( Tigre) …

Oduu dhangala’a fi hubachiisa. 
‪#‎OromoProtests‬
Akka asaasa ( whisper) qondaala hoggannsa ol aannoo OPDO keessa argineetti, Wayyaaneen aango irra turuu isaannii akka yaadoo guddaa keessa galchee fi bakkii sodaa irraa qabaniis dhimma Oromoon waan isaan itti himaa olannii fi bulan irraa adda oduu argachuun yaadoo guddaa itti ta’u isaatti. Haalli kunni akkaataa barattootni Oromoo fi Oromoon addunyaa kana irra jiru Karaa quunnamtii brannee (cyberspace) fi booda irrattis OMN gadii bahuun dukkana guraacha sobaan Oromiyaa golgee turee xinnoo saaquu danda’uun Oromoon oduu addaa akka dhagahuu fi waliif gurra kennu gochuu danda’uun Oromoo imaammata Oromoon mana hidhaa Itoophiya keessatti ukaamameetuma akka jiraatu jedhu waan faalleessuuf kirkireen akka hoggannoota Atse TPLFti dhagahamee fi soso’a barattootaa fi Oromoo kan FDG kan adeemaa jiru humnaan dhaamsu dabalatee, waannuma Mootummootni Habashaa kana dura Oromoon akka waan isaa waliiraahis odeefannee fi oduu warri Habashaa isatti himan malee oduu Karaa biroo irraa dhufu dhagahuun yakka ta’u itti himaa bahan Sana itti fufuu waan barbaadaniif haala facebook, tiwtter fi email (cyberspace) ilaalchiise Osoo ol aantumaa waan garii tohachuuf waan garii irratti dandeetti itti qabannu humna namaa kan leenjifamee Oromoo basaasuun qabsiisu Yuniversity illee Oromiyaa mara keessaa miseensoota OPDO kan nyaachuuf jiraatanii,ilmaan nafxanyootaa fi ilmaan Kilaashinkoovota( Tigre) kan afaan Oromo beekan qaqaadhimuun dhoksaan oggeeyyii cyberspace kan alaa fi biyya keessaatin leenjiin kennamaa jiraachuun mirkanii ta’uu isaa asaaseeti jira.

No comments:

Post a Comment