Baarentuu Gadaa Irraa
Adooleessaa 17, 2015
Barreessaa dhugaa baasa!Bineessi ykin waraabechi maqaa akkamiituu baafatu, maqaan akkamiituu itti mogga’u bineessuma! Haala kam keessattuu bineessi bineessummaa isaa jijjirreechuu hin danda’u. Garaa isaa guttachuuf qurxee nama nyaachuu, dallaa namaa diigee, mooraa namaa seenee loon abbaa qabu yaasurraa duubatti hin jedhu. Bineensummaan isaa umamarraa waan ta’eef, maqaa masoo akkamiituu itti baasan, Itillee, ykn Gogaa beelada kamiituu yoo itti uwwusan keessi  isaa bineensuma waan ta’eef wanti bineensummaa irraa isa jijjiiru hin jiru. Eenyuyyuu maaliyyuu jedhu, maqaa akkamiituu itti moggaasu bineensummaa ykn waraabechummaa isaa umamaan qaburraa isa hin jijjiiru. Wayyaaneenis kanuma!
Wayyaaneen bineessa! waraabeecha dargaggoota Oromoo waggoottan 24n darbaniif qarxamsitee nyaachaa turte!. Bineessa qabeenya Oromoo heeyyama ummata Oromoo malee saamtee nyaachaa fi Tigraayitti guurrachaa turtee fi jirtuudha! Wayyaaneen bineensa ija hin qabne, bineensa Oromoof gara laafina tokkolleen hin qabne, bineensa jira nama nyaachuuf hamummattuudha. Bineessa nagahee hin beekne, bineessa quufee hin beekne, Bineensa Soraati!.Bineensi Bineensuma