Sunday, July 5, 2015

Giti Bittoonni Habashaa Amala Waraabessummaa Dhiisanii Yoo Mala Namummaa Qabaatan Isaaniif Wayya!

Hariiroo Jorgoo- ( SQ Qeerroo Bilisummaa Oromootiin-Oromiyaa)
Barreessaa dhugaa baasa!Oromoon yeroo makmaaku, “Waraabessi bakka halkan tokko irraa nyaatetti halkan sagal agaba.” Jedha.
Dhugaadha!  Waraaboon bakka halkan tokko itti carroomee akka tasaa itti tolee waa argatee, aalii sanyiisaa hundaa itti waammatee, foonsaa fixee, lafeellee qoqoree, qorxomsee, ijibbaatee otoo homaa hin hambisiin yoo deemellee borus guyyaa lammataas akkasuma waa hafte waan isatti fakkaatuuf bakka kalee irraa nyaate sanatti deebi’ee lafichallee fuunfatee yuusee yuusee deebi’a malee bakka kanaa kaleessa fixeerra jedhee gonkuma daandii jireenyaa kan biraa barbaacha ijisaa bakka biraa hin ilaalu.
Gaafa sadaffaas, gaafa lammaffaa dhabee deebi’uusaa otuma beekuu walitti aansee guyyoota sagaliif bakkittii dura irraa nyaate sanatti deebi’ee laficha fuunfatee, cinqamee, gorora yaasee afaansaa bantee hammuummatee-hamuummatee, gumgumee deebi’a. Kan kaleessaa har’as waan argamu sehee, way waraaboo?! Gowwaa!! Garuu inni lammata hin argamu! Silaa otoo kan biraa ilaallate wayyaafii ture.Amala Gita Bittoota Habashaa

No comments:

Post a Comment