Monday, July 27, 2015

Marriin Qeerroo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Magaalaa Waamaa Adaree‏,Wallagga Keessatti Gaggeefame.

Adoolessa 26,2015 Naqamte
IMG_20150725_044008Giddugala magaalota fi baadiyyaa Wallagga bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti magaalaa Waamaa Adaree keessatti sabboontoti barattoota,hojjettoota fi daldaltooti keessa bakka bu’ootiQeerroo walga’ii hatattamaa ta’anii yaadaa fi qabxilee ijoo dhimma walabummaa,bilisummaa fi birmadummaa uummata Oromoo irratti marii taasisuu Qeerroon gabaase.
Kaayyoon marii kanaaf
  1. Qabsoon Bilisummaa,walabummaa fi birmadummaa uummata Oromoo taasifamaa jiru akka galii isaa dhaqabuuf saffisaan akka itti fufu
  2.  Wayyaaneen maaster killer hojiirra oolchuuf wayita tattaafattu kanatti akkaata itti uummati Oromoo biyya abbaasaa eeggachuu qabu
  3. Gameeyyin qabsoo akkaataa itti uummata isaanii sabboonummaa ofta’uu barsiisu malaniifi
  4. Ajjeechaa,hidhaa fi dararri uummata Oromoo irraan gahu taa’anii ilaaluu irra qabsoo diddaa gabrummaa fi abbaa irrummaa akkaataa itti jabinaan gaggeefamuu qabu.
  5. Hojjetooti, barattooti fi daldaltooti sirma mootummaa Wayyaanee filuu hanqatan ykn didan Mootummaa EPRDFn ni adabamu yoota’e bulchiinsi TPLF jalaa bahuuf gaheen taphachuu qaban maal akka ta’e fi ijoowwan jedhanirratti marii’ataniiru.
Gama biraan ji’oita shanii asitti qofa qabsaawota dargaggoo Oromoo Yuuniversitii adda addaa irraa galan dhaalootaan Waamaa Hagaloo ta’an 5 FDG gaggeesitan sababaa jedhuun kan loltooti Wayyaanee rukutanii ajjeessan qulqulluu ilaamaan Oromoo yaadachuuf walgahiin kun naannoo Waamaa Hagaloo magaala Adareetti akka ta’e Qeerroon addeessa. Addisuu Namarraa dhalootaan waamaa hagaloo magaalaa Moxeettii dhalatee kan guddate abbaa qabsoo ijoollee waamaati kan jedhamu namni kun ukkaamsitoota federaalaan erga ajjeefame Adoolessa 27,2015 har’aa Moxetti yeroo awwaalamu bulchiinsi Aanaa Waamaa Hagaloo oolmaa Addisuu Namarraa sirna awwaalchasaarrattillee akka hin ibsamne uggure
Walumaagalatti ajjeechaan ijmaan Oromoo hammaachaa waan dhufeefi garbummaan hammaachaa waan deemeef furmaati keenya maal ta’uu qaba,sabboonummaa keenya toora kamqabachuu qaba jechuun caasaan Qeerroo magaalaa waamaa adareetti walga’ii taa’ee milkiin xumurera

No comments:

Post a Comment