Thursday, July 9, 2015

Qeerroon Barattootni Oromoo Dhaabbilee Barnoota ol-Aanoo Maree Torbaan Tokkoof Taasisaniin Haala Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Haala Rakkoo Siyaasa Biyyatti, fi Haala Diaspora Oromoo Ilaalchisuun Marii Baldhaa Godhchuun Ibsa Ejjennoo Qabxii Toorba(7) Qabu Baafatan.

cropped-qeerroo-edit.jpg

Ibsa Ejjetnoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Adoolessa 8/2015
Finfinnee,Oromiyaa
Nuti Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota ol-aanoo biyyatti garaagaraa irraa ogummaa garaagaraan eebbifannee fi kanneen barachaa jirru haala qabsoo bilisummaa Oromoo ABO durfamuu fi Warraaqsaa FDG; ilaalchisuun,haala rakkoo siyaasaa  biyyatti, dawwannaa Peresidentiin Ameerikaa Barak Obamaa Adooleessa 2015 dhumaa gara Ethiopiatti gochuuf jiru, rakkoo diaspora Oromoo fi qabsoo Oromoo fi akeekaa Maaster Plaanii Finfinnee ilaalchisuun sadarkaa garaagaraa fi mooraalee dhaabbiilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitota kanneen akka Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Finfinnee, Adaamaa, Harammayyaa,Dirree Dawaa, Maddaa Walaabuu , Wal-Qixxee, Mattuu, Gimbii, Walisoo, Shaambuu , Arsii fi Bolee Horaa akkasumas kolleejjii barsiisota Jimmaa, Neqemtee, Shaambuu, Mattuu, Baalee Roobee, fi Allaagee  irratti torbee tokko guutuu marii qabsoo bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi Oromoo gara tokkotti fiduun humneessuu irratti erga godhannee booda Mootummaa Wayyaanee abbaa irree EPRDF/TPLF/’n durfamuu, fi fedhii uummata Oromoo fi lammilee cunqurfamoo biyyatti malee humna waraana afaan qawween mirga uummata keenyaa ukkamsuu fi oloa filannoo marsaa 5ffaa 100% injifadhe propaganda sobaa olola garbummaa labsachaa jiruu balaaleffachuu fi tarsiimoo sochii warraaqsa FDG irratti jaabeessuun kan dura dhaabbannu tu’uu murtii keenyaa dabarfachuun Ibsa Ejjennoo qabxii toorba(7) dabarfanne jirra.Ibsa Ejjetnoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Adoolessa 8 2015

No comments:

Post a Comment