Sunday, July 12, 2015

Poolisoonni Mooraa Yuuniverstii Wallaggaa Diddaa Barattooti Oromoo Taasisan Deggertan Sababaa Jedhuun Qondaalota Wayyaaneen Qoratamaa Jiru

Adoolessa 10,2015 Naqamte
dsc02197
Maqaa gamaggama poolisootaa jedhuun guyyaa har’aa Adoolessa 10,2015  bulchiinsi Yuunibarsiitii Wallaggaa poolisoota moorichaa qorannoodhaan afaan faajjessuuf yaalus poolisooti geggeessitoota kana afaan qabachiisaa jiru.
Har’a sa’a laaqanaa irraa kaasee hanga ammaa kanatti odeeffannoon nugahe akka ibsutti Poolisooti moorichaa yeroo FDG barattoota deeggartu,keessaayyuu barattoota Oromoo jajjabeessuun adda adurummaa qabdu,kanaaf isin  loogi addaa gootu jedhamuun geggeessitooti sirnichaan wayita sagalee jabaan itti dubbatan ykn dheekkaman illee  Poolisoonni mooraa Yuuniversitii Wallaggaa “Oromummaan yakka miti”  jechuun geggeessitoota ergama Wayyaanee rifaasisuusaa jiraachuun beekame jira,itti baha walgahii kana guutuu fuula duraatti dhiheessina.

No comments:

Post a Comment