Friday, July 10, 2015

Bara 2014 Keessaa Godinaa fi Yuuniverstii Oromiyaa Adda Addaa Keessaa Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Nagaa Dhibbaatamaan Lakkaawaman Hidhe Keessaa Nama 6 Gadhiise.

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Adoolessa 09,2015

addunyaa-keessoo-3
Aduunyaa Keessoo
Barattoota Oromoo bara darbe Adoolessa 2014 keessa badiin tokkoo maleen Yuuniverstii adda addaa irraa walitti qabuun FDG qindeessitan ykn keessatti hirmaattan sababaa jedhuun mootummaan Wayyaanee hidhaa fi dararaa erga turee yeroo ammmaa ragaa dhabuu irraan akka bilisaan gadhisee jira.
Kanneen gadhiifaman keessaa:-
  1. Barataa Aduunyaa Keessoo  Yunversiitii Saayinsiif Teknooloojii Adaamaatti Dursaa Gumii GAAO kan ture
  2. BarataaToofik Rashiid Yunversiitii Dirree Dhaawaa irraa,
  3. Barataa Leenjisaa Alamaayyoo, Yuuniversitii Jimmaa Irraa
  4. Barataa Abdii Kamaal, barataa mana barumsaa Gudar S/2ffaa qophaayina kutaa 11ffaa
  5. Barataa Magarsaa Warquu Fayyisaa barataa seeraa wagga 5ffaa Yuuniversitii Haromaayaa.
  6. Barataa Bilisummaa Daammanaa Barataa Yuuniverstiii AdaamaaAccounting wagga 3ffaa
Nimonaa
Nimona ykn Abebe Urgessa Fakansa
Kanneen jedhaman himata tokko jala jiran yeroo gadiisan isaan keessaa himatuma barattoota kanaa irra kan jiru barataa  Nimona ykn Abebe Urgessa Fakansa barataa Yuuniverstii Haromaayaa damee engineering waggaa 2ffaa kan baratuu keessatti argama. Nimona (Abebe) Urgessa Fakansa kan dhalatee guddatee maatii qonnaan bulaa irra Godina kibba lixa Shagar Aanaa Iluu yoo ta’uu badii tokko malee mana hidha dukkanaa maikalawii, qilinxoo fi qaalittiti hidhama kan ture ragaa sobaa irratti dhiheessaa akka turan ni yaadatama. Ammas hiriyoota isaa galmee tokko irratti hidhaman ergaa daraara guddaa irraan gahanii yeroo gadiinsan barataa Nimoonaan ykn Abebe Urgeessaan sababaa tokko malee mana hidhaa keessatti hafuu Qeerroon gabaase.
Kana malees wagga darbe barattooti dhibbaatamaan lakkaawaman manneen hidhaa Wayyaanee adda addaa keessatti hidhaman himati isaanii akka gara garaatti galmaayee jiru,shamarranii fi dargaggoota hedduu dabalatee amma illee mana hidhaa keessatti dararamaa jiraachuun beekama. Walumaa galatti hidhamuu barattoota Oromoo bara darbanii ilaalchisee galmee fi seenaa barattootaa Qeerroon baasaa ture akka armaa gadiitti jira.

Baratoota Oromoo Ilaalchisee Ibsaa fi Galmeelee  Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 2014 Keessaa Hamma tokko:-

  1. Ibsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27,2014
  2. List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by QeerrooContinued Arrest and Conviction of Oromo Students from Various Zones of Oromia
  3. List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo
  4. Galmee Oromoota FDG Irratti Wareegamanii fi hidhamanii ykn madaawanii.pdf 12Galmee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Barattoota Oromoo Ebla fi Caamsaa 2014 FDG keessa hidhamanii ilaala
  5. Barattoota Oromoo Yuuniversitii Dirree Dawaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Irraa Kenname Barattoota Yuuniversitii Jimmaa Irraa Badii Tokko Malee Arihaman
  6. Continued Arrest and Conviction of Oromo Students from Various Zones of Oromia
  7. http://qeerroo.org/?s=Bilisummaa+Daammanaa&submit=Search

No comments:

Post a Comment