Monday, July 6, 2015

Eebba Barattoota Dhaabbilee Barnoota O-laanoo Biyyatti Keessatti Gaggeeffameen Walqabatee Angawootni Wayyaanee Olola Afaan Faajjii Qabatani Haasaa Taasisuu Yaalan Gamtaa Barattootaan Harkatti Fashale.

Gabaasa Qeerroo Adoolessa 05,2015
diddaa9Dabballootni Wayyaanee Oromiyaa gurguraa fi ilmaan Oromoo ajjeesisaa ,hisisaa fi biyyaa arii’achaa kan turte tajajila ololaa isheef jettee eebba barattoota dhabbilee barnoota olaanoo sababeeffachuun hojii ololaaf bobbafaman saaxilame. Goototni Barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo wayitaa angawootni wayyaanee olaanoo waltajjii qabachuun olola Afaan faajjii waggaa 25 guutuu afuufaa turan irra deebi’uun qaanii tokkoo malee wayita dubbachuu eegalanitti goototni barattoota Oromoo itti iyyuun dubbii dhorkuun akka waltajjii gadhiisanii kayyoon olola Wayyaanee akka fashalu taasisanii jiru.
Dhaabbilee barnoota olaanoo kanneen akka:-
Yuunibarsiitii Jimmaatti goototni barattootni Oromoo hedduminaan kan eebbifamanii fi barattootni Yuunibarsiitichaa heddumina guddaa qaban mooraa Yuunibarsiitii JimmaaMain Campus Mini stadium keessatti kangaggeeffamee yoo ta’uu, Dabballeen wayyaanee ergama diinummmaa fi olola afaan faajjii butachuun Wayyaanootaan kan bobbaafamtee Asteer Maammoo akkuma ergama diinummaa butachuun waltajjiitti baateen goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa itti iyyuun hattuu fi kashalabbeen uummata bakka bu’uu hindandeessuu, jechuun akka waan tokko illee uummatni irraa hin dhaggeeffatne taasisaan; boodarraa wal tajjii gadhiisuun bakkatti deebitee kan teessee ta’uun ibsamee jira. Guyyaa eebbaa kana haallii sochii barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa daran jabaa waan tureef guyyaa eebbaa kana dabballootni Wayyaanee uummaata fulduratti ba’uun waan wayyaaneen barbaadduu fi ergamaa Wayyaanee galmaan ga’uuf ololuu irraa soda keessa galuun utuu ergama Wayyaanee hin dabarsiin turtii sa’aa tokkoo fi walakkaa hin caallee keessatti sagantaa xummuruun wal tajjii kan gadi lakkisan ta’uun ibsamee jira.
Yuunibarsiitii Ambootti ergamtootni wayyaanee olola Aafaan Faajjii uummataa fi barattoota irrattii ololuuf bobbafaman : Dabballee Wayyaanee Dhaabaa Dabalee fi Dr Mitikkuu Teessoo kanneen jedhaman olola diinummaa isaanii akkuma Wayyaanee f lallabaa jiran Uummataa garaa madaa fi gootota barattoota Oromoo afaan qawwee dura dhabbachuun falmachaa turan fulduratti ololuuf kijiba waggaa 25ni akkuma wal tajjiitti bahaanin gadi fuudhanitti goototni barattootni Oromoo irratti iyyuun hirmiin nu fuldura dhaabbachuu hin dandeessuu jechuun irrattii iyyuun dubbii kan dhorkuun tahuun gabaafame.
Walumaagalattii Mootummaan wayyaanee Eebba barattootaa dhaabbilee barnoota olaanoo yuunibarsiitii Jimmaa, Amboo,Wallaggaa, Maddaa Walaabuu, Dirree Dawaa, Harammayyaa, keessaatti gaggeessa jiruu irratti dabballootaa Olaanoo sirna abbaa irree bobbaasuun akka uummataa faan burjaajessaniif bobbaasuu illee goototni Qeerroon barattootni Oromoo gamtaan dura dhaabbachuun akkan amni dubbii dabballeen wayyaanee dhiiga ilmaa Oromoo dhangalaasaa jirtuu ololaa fi ergama diinummaa baatee adeemaa jirtuu hin dhaggeeffaannee fi uummatnii illee irraa hin dhaggeeffatiin dura dhaabbachuun dabballootaa Wayyaanee dubbii dhorkachuun kan qaanessaan ta’uun ibsamee jira

No comments:

Post a Comment