Monday, July 20, 2015

Yaa Sangaa Margasaa Malee Hallayyaasaa Hin Agarre!..(kutaa 2ffaa)

(Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa!!)
barruuYeroo dabre kutaa tokkoffaa qophii kanaa keessatti Jidduu kana wayyaaneen yeroo kam irrayyyuu caalaa gammachuun machooftee qabaa nagadhiisaa jechaa akka jirtu ilaallee ture.
Kunis sababiin isaa tokko, diraamaa filmaata gaggeeffameen taatonni isaa warri boordii filmaataas ta’e warri wayyaanotaa paartii siyaasaa of fakkeessuun hirmaatan akka gaariitti ergama isaanii raawwatanii sagalee uummataa kan OFC/MADRAKIIF kennamee ture dhibbarraa dhibbatti dabarsanii kennuu isaaniitiin taayitaarra turuuf gammachuu argame yoo ta’u,
Inni lammataa, Oduu karoora daawwannaa Pirezedaantiin Ameerikaa, Baaraak Huseen Obaamaa ithiopia daawwachuufidha jedhu dhagahamuu isaa akka ta’e, Kana malees, Diyaaspooraan Oromoo tokko tokko wayyaaneetti harka kennachuu isaanii ta’uu kaafnee ture.
Wayyaaneen diyaaspooraa Oromoo irraa maaliif jaalalli ishee qabee?? Wayyaaneen diyaaspooraa Oromoo akka lammiitti ilaaltee, kanaafuu, Waa’een lammii ishee, ishee yaachiseetimoo karoora biraa qabdii??….
Addunyaa keenya kana irratti uummata Jiwush caalaa kan faca’e akka hin turre seenaan ifa godha. Haa ta’u malee Biyya Israa’eel Har’a arginu kana hundeessuufi beekkamumtii goonfachiisuu keessatti kan qooda guddaa qabu Komiyuuniitii Jiwush ykn Israa’eel Bittinfamee biyya ambaa jiraachaa ture akka ta’e seenaan ni addeessa. Yaa Sangaa Margasaa Malee Hallayyaasaa hin agarre

No comments:

Post a Comment