Friday, July 24, 2015

Abdii Boruu:- Uummatni Oromoo, hanga yoomiitti gadadoo keessa jiraata?

Abdii Boruutiin*
Uummatni ykn sabni gabrummaa keessa jiru yoomiyyuu jiruu fi jireenya gaarii qabaachuu baatullee, haalli uummatni keenya, uummatni Oromoo keessa jiru yeroodhaa yerootti hammaachaa dhufee; sadarkaa hamaarra akka gahe kan ifaa ifatti mul’atu waan ta’eef, kanaaf ragaa dhiyeessuun barbaachisaa natti hin fakkaatu. Sabni Oromoo, qabeenya uumaadhaan badhaafame Oromiyaa dacheen ishii jiituu fi badhaatuu taate otuu qabuu, har’a diinotni isaa biyya isaarratti abbaa qabeenyaa ta’anii yeroo sooramaa jiranitti, uummatni keenya garuu akka nam-tokkoottis ta’ee gamtaadhaan jiruu namaa gadii fi gadadoo daangaa hin qabne keessa jira. Rakkoolee uummata keenya hudhanii qaban nan barreessa yoon jedhe, tarreessee fixuu waanan hin dandeenyeef, kana keessaa bahuuf Oromoon maal godhuu qaba waan jedhutti xiyyeeffachuun barbaachisaa dha jedheen yaada.
Qabxiin guddaa ani kaasuu fedhu fi sararas jala butuu barbaadu, har’a gabrummaa Habashaa, kan yoomiyyuu caalaa hamaa ta’e keessatti uummatni keenya dararamuun waan diinni keenya jabaateef otuu hin taane waan Oromoon fedhii tokko dhabeefi. Fedhii tokko dhabuun ammoo kaayyoo adda addaas akka qabaatan nama taasisa. Fedhii ykn kaayyoo adda addaa qabaachuun adeemsa qabsoo bilisummaa sakaala; karaa bilisummaa dheeressa; diina keenya jabeessee uummata keenya hamilee cabsa… Oromoon fedhii ykn kaayyoo tokko qabaachuun murteessaa dha. Fehdii Oromoon qabu ammoo fedhii dhuunfaa otuu hin taane fedhii sabaa (national interest) ta’uu qaba. Bu’aa dhuunfaa yeroof argannu dhiisnee bu’aa uummata keenyaa fi egeree saba keenyaa yaaduu qabna. Bu’a har’a diina jala kaannee argachuu dandeenyu caalaa bu’aa boru akka sabaatti argannu ilaaluu qabna. Kun ta’uu kan danda’u, yoo fedhii tokko qabaanne fi akka ilmaan abbaa fi haadha tokkootti walbira dhaabbanne qofaa dha.
Fedhii tokko qabaachuu jechuun maal jechuudhaa? Yoo tokko gara bitaa deemu, kan biraa gara mirgaa deemuun; yoo tokko qabsoo saba keenyaatiif lubbuu isaa dhabu kan biraa diina jala kaachuun; yoo tokko dhukkubsatee waan ittiin tajaajilamu dhabu; beelayee fi dheebotee waan ittin bitatu dhabu; qayee isaarraa buqqayee, kadhataa ta’ee karaarratti argamu; kan biraa jiruu gaarii jiraachuuf jecha maxxannee diinaa ta’ee umurii gabroonfataa dheeressun fedhii tokko dhabuu dha. Warrumti qabsoo kana keessa jirraniyyuu, qabsoo bilisummaa Oromoo irra deebi’anii xiinxaluu qabu. Qabsoon bilisummaa Oromoo maaliif eegalame? Gaafiin uummata Oromoo gaafii gabrummaa (colony) ti moo miti? Jedhanii irradeebi’anii gamaaggamuun barbaachisaa dha jechuu kooti. Gaafiin saba keenyaa gaafii gabrummaa akka ta’e waan nama mamsiisu natti hin fakkaatu. Haalli keessa turre fi har’as keessa jirru kan waan kana mirkaneessu dha. Maarree, gaafiin gaafii gabrummaa yoo ta’e ammoo, uummatni gabroome bilisoomuu fi biyyi diinaan qabamtes walaboomuun dirqama ta’a. Kaayyoon QBO ifaa ifatti hiikkamuun (clearly defined ta’uun) barbaachisaa dha.
Wareegama hir’isuuf, karaa hidhannoo dhiisnee karaa nagaatiin qabsoofna jechuun yaaduma ka’uu qabuu dha. Otuu karaa kanaan galii tokko gahuun danda’ame, kun silaa waan gaarii ture, akka hawwiitti. Haa ta’u malee, karaa nagaatiin qabsoofna jechaa hidhamuun, dararamuun, ajjeefamuun, biyyarraa baqachuun, baqataniis du’uun eega hin hafinii karaa kanarratti cichuun eessa gahuufi? Diina keenya qawwee itti kaasuu baannus, inni qawwee nutti dhukaasuu hin dhaabnee bar!! Dubbichi akka makmaaksa Oromoo: “Harka ormaatiin ibidda qabuun nama hin dhibu” jedhu hin ta’in malee, yoo lolan malee karaa biraatiin bilisummaan uummata Oromoo fi walabummaan Oromiyaa waan argamu natti hin fakkaatu. Diinni humnaan, qawweedhaan dhufe, humnaan malee namarraa hin deemu. Kana isaanuu ifaa ifatti dubbachaa turan, jirus. Akka keenyatti lolaatii bilisummaa argadhaa nuun jechaa jiruu mitii?
Har’a kan dur caalaa haalli Oromiyaa fi Oromoon keessa jiran baay’ee baay’ee yaaddessaa ta’ee jira. Diinni tooftaalee adda addaatti fayyadamee, duguuginsa sanyii nurratti dalagaa jira. Saba bal’aa gara saba bicuutti jijjiiruuf ciminaan irratti hojjetamaa jira. Dachee Oromiyaa cicciranii dhiphisuuf; kan hafte sanaayyuu bakkee lamatti addaan kutuuf; lakkoofsa uummata keenyaa xiqqeessuuf duula hamaa nurratti gaggeessaa jirti Wayyaaneen. Gochii duguuginsa sanyii Oromoo kanatti milkaayuuf, tooftaalee Wayyaanotni lafa kaawwatan keessaa inni tokko Maastar Plaanii Finfinnee ti. Karoora kana bakkaan gahuuf, tooftaa isaan baafatan keessaa inni tokko waayee misoomaa fakkeessanii; Oromoota fedhii dhuunfaatiif dursa kennan ofitti harkisuuf maqaa DIYAASPORAA OROMOO jedhuun Oromoo oromoodhaan balleessuuf karoorfatanii jiru. Har’a Oromoon yaamicha kanaaf owwaachuun hafee; gamtaadhaan tokkummaadhaan shira kana dura dhaabbachuu baatnan badiin nutti dhufaa jiru jala kaattuu diinaatiifillee waan hafuu miti.
Yeroo Oromoon walbira dhaabbatee tokkummaadhaan diinaan falmu amma ta’uu baatnan, bilisummaan nu barbaadnu fi Oromiyaan nuti ijjaarrachuuf hawwinus abdjuu ta’anii hafuu akka danda’an shakkiin hin jiru. Kun sodaa fi abdii kutachuus miti; balaa namatti deemaa jiru alaalatti arguu danda’uu dha. Kan amma nu nyaachaa jiran Wayyaanotni hamaan otuu jiranuu; warri sirna durii sana nutti deebisuuf hawwii fi abjuu qabanuu kutatanii loluuf qophaayaa yeroo jiran kana Oromoo callisee laaluun; fedhii sabaa dhiisee kan dhuunfaatiif dursa kennuun badii hamaatti nu geessa jedheen amana. Hamma balaan deemaa jiru tokko nama bira gahee harkaan nama qabatutti ykn nama hudhutti callisanii ilaaluun badiif of qopheessuu dha. Shira diinni nurratti dalagaa jiru dura dhaabbachuuf; qabsoo keenyas cimsinee uummata keenya gadadoo fi qaanii keessaa baasuuf akka ilma Oromoo tokkootti dhaamsa armaan gadii kana dabarfachuun barbaada.
Galatoomaa.

No comments:

Post a Comment