Thursday, July 23, 2015

Godina Addaa Oromiya a Naannoo Burraayyuu Adda Addaa Keessaa Guyyota Arfan Darban Keessa Qonaanan Bultooti 400 Ol Lafa Irraa Buqauun Diiddaa Jiraatottaa Daran D abalee Jira.Waraanni Wayyaanees Uummata Adamsee Dararaa Jira achuu Qeerroon Gabaase.

Adoolessa 23,2015 Buraayyuu
Mootummaan abbaa irree, Wayyaanee jibba uummata Oromoo irraa qabuun hidhaa fi ajjeechaan gahuu dadhabnaan yeroo ammaa uummata nagaa mana isaa keessa jiraatu iyyama koo malee mana ijaartan jechuun humna tikaan fi waraanan mana jireenyaa qonnaan bultoota godina addaa Oromiyaa Buraayyuu bakkeewwan addaa Tsarra Tsiyoon,Gafarsaa Buraayyuu, Annee Diimaa fi kaanis mannen qonnaan bultoota 400 ol tahu diiguun hiraarsaa jira. Haala kanaan kanneen qabeenyaa isaanii kana dura dhaabbatanii falman ammoo hidhaa umurii dheeraa garagaraan itti murteessaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira.
Haaluma kanaan mootummaa Wayyaanee tuffii uummata Oromoo irraa qabuun hanga mana jireenyaatti diigsisuun bakka bultiillee dhowwate kanaan dargaggootni fi barattootni yeroo ammaa magaala Finfinnee fi godina addaa keessa jiraatu duula macna’iinsaa fi diigumsa mana jireenya uummata Oromoo irratti tooftaa jijjiirratee hidhaadhaaf qonnaan bulaa keenya saaxiluuf ka’e dura dhaabbachuuf diddaa kaasaa
jiraachuun beekame.
Miidhaan bifa jijjiirratee uummata oromoo irratti kufaa jiru kun
dhaabbachuu qaba,
Maati isaa irraa yakka malee hidhamee murtii dabaa itti murteeffame amma haqamuu qaba,
Doorsisni waraanaa fi aangoo qabaachuun saaminsi gaggeeffamu haa dhaabbatu.
Kannneen jedhanii fi akeekkachisaa waraqaalee Buraayyuu naannowwan diinni mana
uummataa diigaa jirutti Qeerroon maxxanseen wal qabatee akkasuma barattootni Yuuniversitii Finfinnee mooraa keessatti hafanii fi yeroo gannaa baratanis dhimma kanairratti luuca’uudhaan hatattaman mootummaan kana gochaa jiru itti gaafatamummaa jalaa akka hin baanee fi kunis dhaabbachuu akka qabuu fi sababa kanatti namootni mana isaanis dhabanii mana hidhaattis darbataman hatattaman akka
gadhiifaman barruu akkeekkachiisaa mooraa keessatti darbachuu fi sagalee dhageessisuun halkan edaa kan beekamee waan taheef har’a diddaa fi gaaffii barattootni kun kaasaa jiraniin wal qabsiisee mootumman Wayyaanee waraana isaa tamsaasee kan jiru tahuu Qeerroon suuraa diinni qawwee baatee barattootatti duulaa jifuu fi naannoo
Buraayyuttis waraana buufatee jiruun Qeerroon gabaase. Qabeenyaa fi mana jireenyaa keenya irratti olaantummaa qabna jechuun qonnaan bulaan dhaadatanis poolisoota Wayyaaneen butamanii bakka buuteen dhabamaa akka jirus Qeerroon gabaasee jira.

No comments:

Post a Comment