Wednesday, July 22, 2015

Dhimmi Master Plaanii fi Saamichi Lafaa Tooftaa Jijjiirratee Deemaa Jiru Dura Tokkummaan Dhaabbachuuf Qonnaan Bulaa, Barataa fi Hojjettooti Shaggar Kaabaa‏ Jiraatan Ibsan

Adoolessa 22,2015 Finfinnee

aa
Naannoo Sulultaa
Qonnaan bulaa, barataa fi hojjetaan garagaraa shaggar kaabaa aanaa Kuyyuu, Sulultaa, Caancoo, Akaakoo fi kanneen biroonis godina addaa dabalatee dhimmi Master Pilaanii deebi’ee ka’uu hin qabu jechun walitti dhufuun kana duras dhaabbachuuf of qopheessuu Qeerroon gabaasee jira.
Ammos dhimmi Master Palan Finfiinnee kun tooftaa jijjiratee qonnaan bultootaa fi jiraattotaatti waan dhufaa jiruuf qabeenyaa fi mirga Oromummaa keenya kan sarbu dura of qusatnoo tokko malee ni dhaabbatna jechuun  qonnaan bulaan aanaalee kanneen irraa ibsuu Qeerroon naannicha irraa gabaasee jira.
Tooftaa fi malli mootummaan Wayyaanee saamicha lafaa raawwatuu fi qonnaan bulaa Oromoo balleessuu fi qabiyyee lafaa Oromoo dhuunfachuuf
gama kamiinuu itti wareegamuuf dargaggootni barattootni Oromoo fi uummanni godina kana keessatti har’a dhaamsa waliif dhaamuun yomiyyuu
mootummaa Wayyaanee ofirratti hin goobsinu jechuun murteeffachuu gabaasni Qeerrooaddeessa.
Shaggar Kaabaa aanaa Caancotti halkan Adoolessa 20,2015 halkan waraqaaleen garagaraa magaala keessa faca’an
– Dacheen Oromiyaa kan Oromooti, oromoodhaan haa bultu,
-Saamtotni fi sobdoonni nun bulchin.
-Mootummaan wayyaanee shororkeessaadha.
-Dinaaf hin jilbeenfannu
-Uummata oromoo saamuun haa dhabbatu
-Miirri maqaa Master Pilaanii waamu haa dhaabbatu
-Wayyeen diina uummata oromooti
-OPDOn uummata oromoof hin dhaabbanne
Kan jedhu waraqoonni bakka garagaraatti barreeffamuun maxxanfaman irraan kan ka’e har’a poolisii fi humni waraana federaalaa naannicha qubachuu Qeerroon gabaasee jira.

No comments:

Post a Comment