Tuesday, July 14, 2015

MANDAROOTA FI MAGAALAAWWAN OROMIYAA – OROMIAN TOWNS AND CITIES: Kutaa Jahaffaa

Taammanaa Bitimaa irraa
DURADUBBII
Dubbiftoota barreeffa kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, baga nagaa fi nageenyaan naaf turtanii kutaa shanaffaa kana duukaa-buu’uuf dhuftani! Akkuma isin amma gara mandhee tanaa dhuftan mee nagaa fi nageenyi, bilisummaa fi walabummaanOromiyaa taanyaaf haa dhufu!
Kunoo, erga mandaroota fi magaalaawwan Oromiyaa Finfinnee irraa hamma Amboo fi dabrees hamma Baakkootti argman tokko tokkoon daawwannee, Oromiyaa jiituu fi miidhagduu tana ilaaluun itti-gammannee, boodas gara qeyee keenyatti deebinee bubbullee jirra. Mee ammammoo wanneen karaaf nu barbaachisan hunda qoppheeffachuu fi harkatti qabachuun Fiche dhaquuf, garaSalaaleetti haa qajeellu! Karaa kanaan Oromiyaa dachee abbaa gadaa fi qeyee haadha siiqqeehamma Laga Abbayyaatti ilaaluuf deemna jechaa dha. Waan hundaafuu, mee dursinee naannoo Birbirsaaatti (“Piyaasaatti“) walarginee randa Gooroo Sulultaa olbawuun Shaggar keenya, shaggaa keenya kana of-duuba haa mildhannu! Bakka amma dhaabanne kana irraa gara harka-bitaatti xiqqoo shii yoo deemneInxooxxoo geenya. Minilik koloneeffataa fi abbaan garbaa erga Oromiyaa keessaa isa karaa kanaan jiru, qabatee magaalmataa (“capital city“) kolonii isaa bakka Inxooxxoo jedhamu kanatti hundeeffate. Oggaa sana baddaan Gooroo Sulultaa (M 3292) kun bosonaan kan daran jifaarame ture. Otoo waggaalee kundhanillee hin guutiin Habashoonni Oromoon warra “bulguu makkeenii” jidhuun kun caakkaa gobbuu sana ciranii fixani. Booda waan bobeeffatan dhabnaan asirraa gara Finfinneetti gadi-bu’uun magaalmataa kolonii bu’ureeffatani.
Raajii Waaqaa waggaalee 20 booda bosonni Shaggar guddichaa nyaatamuun:birbirsi, gaattiraan, ejersi, heexoon, qilxuun, harbuun, odaan, somboon, makkanniifni, laaftoon, barooddoon, waddeessi, leemmannii fi qamaxxeen faa meeqaa meeqa lakkoofnee dandeenyaa mitii ciramanii barbadaawuun waan dhumaniif, “bulguuwwan mukkeenii” kun hammas waan bobeeffatan dhabani. Amma Minilik bakka caakkaan Oromoo gobbuun jiru, barbaaduun magaalmataa impaayera isaa Finfinnee irraa gara Ejeree-tti dabarsuuf ka’e. Faranjoonni Oroppaa kanneen waraana irrattis, dagabaafannaa irrattis isa gorsaa turan harkatti didani. Keessumaa namtichi lammii Biyya Iswiis, kan “Alfred Ilg” jedhamu cimsee harkatti diduun, waayee qoraan isaanitiif mala tokko Minilik muka-nyaataa fi nama-gorra’aa san gorse. Baargamoo Biyya Awustiraaliyaa irraa fichisiisuun akka naannoo Shaggaritti heddumminaan dhaabamu gochisiise. Egaa, dhufaatii baargamoo kanatu mukkeen Oromiyaa guutuu qarriffoo bulguu mukkeenii irraa hanga tokko oolche jechaa dha. Otoo tahuu baatee: Shaggar irraa Ejeree, erga achiiyyis mukni dhumee booda: Ambo, Naqamte, Gimbii, Dambi Doolloo, Goree, Jimma, Waliso, Shaashamannee, Adoolaa, Nageellee Booranaa, Gobba, Ciroo, Harar faa deemuun borbadeessuu isaa kana itti-fufaayyu jechaa dha. Oromoon: “lafti miilli Sidaamaa irra ijjate midhaan hin magarsu” kan jedhu sun waan baay’ee nutti hima.

No comments:

Post a Comment