Saturday, July 4, 2015

Ammas deebine kunoo! Gogeessa Gadaa

11209575_1445125262463323_5211962731862276946_n
Gadaan gogeessa (garee) shan kan qabu yoo ta’u isaanis
shanan Gadaa Oromoo jedhamu. Gareewwan kun ganna
sadeet sadeetiin aangoo wal harkaa fuudhu. Shanan Gadaa
Oromoo kun bakka adda addaatti maqaa adda addaatiin
beekkamuu (gabatee ilaali).
Boorana Macca-
Tuulama Arsii Gujii Ituu-
Humbannaa
Meelba /
Harmufaa Birmajii Birmajii Harmuf Horata
Muudana /
Roobalee
Michilee /
Muudana Roobalee Roobalee Dibbaaqa
Kiilolee /
Birmajii
Duuloo /
Halchiisa Bahara Muudana Dibbeessa
Biifolee /
Muldhata
Meelbaa /
Hambissaa Horata Halchiisa Fadata
Michilee /
Duuloo Roobalee Bultuma Alana Daraara
Ilmi Oromoo kamiyyuu, guyyaa itti dhalatee eegalee
gogeessa shanan Gadaa keessaa tokko keessatti
haammatama. Duraan dursee kan inni hammatamu, shanan
Gadaa keessaa miseensa isa gaafa inni dhalatu aangoorra
jirutini, kunis gogeessa abbaa isaa keessati jechuudha.
Duula Bilisummaa Sirna Gadaa Jalatti
Keessumatti, bara 1270 (bara ka’umsa Yukuno Amlaak)
irraa eegalee hanga dhumaa jaarraa 15ffaatti Oromoon
dhiibbaa fi roorroo humnoota Kiristaana fi Islaamaa jala
akka ture ragooleen niibsu. Roorroo kana ittisuurratti
gootota fi hayyoota hedduutu wareegame, kanarraan kan
ka’e sabni Oromoo walakaansaa manaa fi biyya abbaa ofii
gadi-lakkisee waan qabu fudhatee gara kibbaa fi bahaatti
godaane. Achiittis dhiibaan ittuma fufe. Kana booda
Oromoon gara waggaa dhibba tokkootif roorroo kana ofirraa
ittisuuf mala dhahaa ture, keessumaa bara Gadaa
Gadawwoo Galgaloo 1470n keessa haala karaa lolaattin
biyyaa ofii falmanii deebifachuuf akka toluutti of ijaaruun
barbaachisaa akka ta’e amanee, hawaasa umuriin ijaaree,
akka umurii isaatti dirqama itti kenne. Gadaan inni jalqabaa
akka haarati waan ijaarameef “Gadaa mala haaraa baase
ykn Gadaa mala-baase” jedhamee hayyootan
moggaafamee, meedhicha hidhate. Maqaan Gadaa kanaa
seenaa keessatti Gadaa Melbaa (Gadaa mala-baase kan
jedhurraa dhufe) jedhamee beekkama.
Bara Gadaa Melbaa (bara 1522-1530)
Gadaan Melbaa Oromoodhaf Gadaa isa jalqabaa miti; isa
durayyuu ganna kuma caaluuf Oromoon Gadaan bulaa akka
ture ragaan nijira. Gadaan Melbaa garuu uummata bara
saddeet saddeettin qoodee namoota waggaa 8 olii fi 80 gad
jiraniitti dirqama adda addaa kenne. Bara Gadaa kanaa
Oromoon jalqabaaf Abbaa Duulattiin of ijaaree, akka kana
duraa yeroodhuma ormi ittidhufu ofirraa ittisuu qofaa dhisee
biyya ofii deebifachuuf jecha lafa diinnonnisaa
(Habashoonni) irraa fudhatan dhaqee loluu jalqabe. Waraani
Oromoo bara sanaa akka waraana qaroomeetti hiriiree loluu
eegale. Gadaan Melbaa Baale deebifachuuf yeroo lolu
mooticha Habashaa Faasil jedhamu ajjeese. Gadaan kun
lola irratti cimaa akka ture Abbaan Baahireefaa raggaa
bahee jira.
Bara Gadaa Muudana (bara 1531-1538)
Melbaatti aanee kan Gadaa fudhate Muudana. Bara
Muudana kana seera jajjabaa lama tumatan.
1. Lubni hundi akkuma aangoo qabateen akka duulu
2. Lubni hundi osoo lafa dabalee hin bilisoomsiin
meedhacha akka hin hidhaanne kan jedhan ture.
Baalli kan Melba weeraruu jalqabe Muudannii dhufatee
hamma qarqara laga Awaashitti irra qubatan. Barri Gadaa
Muudanaa kun bara Muusliimonni Imaam Ahimadiin
geggeefamanii kiristaanootaan waraanaa turani. Waraana
diinoonni isaa lamaan godhaa jiran kana Oromoon faana
bu’aa ture. Daareel Baates namichi jedhamu kana
barreessee ture. Waan waaqni diinoota isaa lamaan wal
waraansiseef, Gadaa kana waaqatu mirga muude
jechuudhan Gadaa Muudanaa jedhee moggaase. Gadaa
Muudanaatu dura laga Waabee ce’ee lafa qabate jedhe
Abbaan Baahire.
Bara Gadaa Kiilolee (bara 1539-1546)
Muudanarraa Gadaa kan fudhate Kiiloleedha. Kiiloleen duula
bal’isee Dawaaroo rukutuu jalqabe. Yeroo gabaaba keessati
handhuura Dawaaroo gahe. Galaawudoos mooti Habashaa
waana isaa kan nama Adaal Mabraq jedhamuun
hoogganamu Dawarrootti bara 1545tti erge. Waraanni Adaal
Mabraq harka Oromootti baqe, inniniis lbaqatee laga
Awaash ce’e. Dawaaroo kan jedhamu Arsii har’aatt
akeekuun ni dandayama. Galaawudoos Islaamoota mohuu
dandahullee Oromoo biyaa isaaf lolu moohuu hindandeenye.
Muudanatti aanee kan baalii fudhate Gadaa kiilolee ti. Bara
Gadaa Kiilolee keessa Habashoonni gargaarsa warra
Poorchugaalin, Imaam Ahimadiin bara 1543 waan ajjeesaniif
qalbii tokkoon Oromorratti xiyyeefatanii meeshaa ammayyaa
fi human waraanaa Awuroopparraa argataniin
gargaaramuudhan Oromoo irratti duulani. Mootichi
Habashaa Galaawudoos Imaam Ahimadiin erga ajjeese
booda, waraana guddaa nama Adaal Mabiiraq jedhanuun
hoogganamu gara Oromootti bobbaase. Gadaan Kiilolee
waraana Habashaa fi Faranjii meeshaa hammayyaa akka
madfii hidhate kana bara 1545 ofirraa rukutee, ajajaa
waraanaa ari’ee laga Awwash ceesise. Waraani habashaa
hedduun harka Gadaa Kiiloleetti baqee dhume jedhe Abbaan
Baahire. Humnoota Habashaa fi Faranjii meeshaa
hammayyaatti gargaaramanu waan mo’eef, Gadaa dhugaa
lole, kan Lole jedhamee seenaa keessati yaadatama. Jechi
“kan lole” jedhu kun bara dheerina keesa “Kiilolee”
jedhamuun beekkama.
Bara Gadaa Biifolee (Bar 1547-1554)
Barri Gadaa Biifolee bara mootiin Habashaa lola warra
Islaamaa waliin qabu moo’atee humna isaa mara gara
Oromoo qofaatti xiyyeefate ture. Mootichi Habashaa
Galaawdos, Adal Mabiraq moo’amuu dhaga’ee humna isaa
walitti gurmeesee waraana Porchugaal wajjin Oromoo irratti
bara 1548 duula guddaa saaqe. Gadaan Biifolee diina itti
dhufe qolee, rukuutee moo’uudhan ofirraa deebise. Lafa
bal’aa dabalee qabachuu dadhabus, humana guddaa kana
falmee moo’ee ofirraa deebisuu waan danda’eef, waanti
hojjate akka gootumaa guddaati fudhatameefii maqaa Bif-
oole jedhamu akka argatu ta’e. Bif-oole jechuun odoo hin
dabaliin, odoo hin hirrisin akkuma jirutti, bifuma duraan
jiruun eegee dabarse jechuu dha. Jechi “Bif-oole” jedhu kun
bara dheeraa keessa Biifolee jedhame. Gadaan Biifolee
dangaa Oromoo eegee, dirqama ofii raawwatee aangoo
Gadaa Michilleetti dabarse.
Bara Gadaa Michillee (Bara 1554-1562)
Miidhaan warra Abashaa fi Islaamaa karaa lamaan jabaatee
waan dhufeef Gadaan Michillee seerota sadii baasee
labsuudhan hojjaa irra oolchee ture, isaanis:
1. Namni diina hinajjeefne akka hinfuune, akka rifeensa
mataasaa hin aaddanne
2. Namni ganna 8 oli fi 80 gadii lola keessatti qooda akka
fudhatu
3. Waraanni Fardaan lolu hedduun leenjifamee akka
bobba’u seera jedhu, kun immoo iddoo fagoo deemee akka
lolu isa taasise.
Fardaa fi gaachanaan jabaatee loluu kan jalqabe Gadaa
Michilleetti. Michillee waraana Galawudos, Hamalmaaliin
hogganamu waraanee moo’e, Faxagariin (Ererii fi Karrayyu)
guutuummaatti harka Oromooti galche. Itti dabalees
hooggani Islaamaa Amir Nuur mooticha Habashaa
Galawudosiin waraanee moo’ee (ajjeesee), gammadee
ayyaaneffachaa otoo jiru Michille Harariin qabate. Amir Nuur
oduu kana dhaga’ee otoo inni gara Haraaritti deebi’uutti
jiruu Michille bakka Tulluu Haazaaloo jedhamutti haxxee
hidhatee rukute. Lola kana irratti Oromoon hedduun
dhumullee waraanni Amir Nuur moo’amee harka Michilleetti
baqee raawwate. Abbaan Baahire akka barreesetti Gadaan
5ffaan Missillee jedhamu biyya waraanee moo’atee idda
balleesee booda loon ofii fudhatee itti gale jedha. Oromoon
durii biyya waraanee waan barbaade erga godhee booda
gara dhufetti deebi’aa jechuu isaattii. Seenaa Oromoo
keessatti kan akka Gadaa Michillee diinota, warra habashaa
(kan Porchugaalin gargaarame) akkasumas Afaar (kan
Turkiin gargaarame) haleelee dangaa bal’aa bilisoomse
hinjiru. Michillee jechuun, bineensa bara caamsaan
hammaatee yeroo haroon qooru bakka bishaan ture keessa
bahu, bineensa gurraatti hanga saree xiqoo geessu, kan
waraanni hin seenne, kan nama hin soodaanne, kan nama
duukaa kaattee nama ciniintu, bineensa hamtuudha.
Gadaan Michillee farda luka afur qabu yaabatee gaachanaan
waraana of irraa qolatee waan bakka yaade ga‘eef Gadaa
Michillee jedhamee moggaafame.
Gadaa Harmufaa fi Gadaa Hambisaa (Bar 1563-1570)
Gadaan Michillee dangaa bal’aa waan bilisoomseef dangaa
bal’aa kana Gadaa tokkoon hoogganuun rakkisaa waan
ta’eef Gadaan duraan Boorana fi Baarentuu irraa ijaaramee
hooggana tokkoon walfaana socho’aa ture bakka lamatti
qooduun dirqama ta’e.
Baarentuu Gadaa Harmufaa akkasumas Boorani Gadaa
Hambisaatiin akka hoogganaman godhame. Harmufni
Bageemidir rukutee gosati moggaasee of jala galche,
Hambisaan immo duula guddaa mooticha habashaa Minaas
Oromoo irratti bobbaase jabinaan falmee, balaa dhufu
danda’u hambise. Hambisni akka Harmufaa lafa bal’aa
dabalee qabachuu baatuus, kan ture akka jirutti eegee
dabarsuu waan danda’eef, Gadaa Harmufaa wajjin
meedhicha hidhatanii baali dabarsanii Gadaa Roobaleetti
kennan.
Bara Gadaa Roobalee (Bara 1571-1578)
Gadaan kun Roobalee Baarentuu fi Roobalee Booranaati.
Roobaleen lachuu wal gargaarudhaan Bagamdir fi Wallootti
duula guddaa bananii (keessatuu Roobalee inni Booranaa
Amaaroota hallayyaa fi holqatti naquudhan) dangaa biyyaa
ballisuu danda’anii turan. Wa’ee Gadaa Roobalee Abbaan
Baahire akkas jedha, waggaa saddeet booda kan bakka
Harmuufaa qabate Roobaleen ilma Gadaa Muudanaati, isa
kan Shawaa balleessee Gojjaamin rukutee, nama aangoo
cimaa qabu Azmaachi Zari Yohannis ajjeese jedhe.
Bara Gadaa Birmajii (Bara 1579-1586)
Gadaan kun Birmajii Baarentuu fi Birmajii Booranaa ti.
Gadaan Birmajii Baarentuu habashaa Kaabaa akka malee
muddee qabuudhan, Dambiyaa rukutee Abooli fi Baahera
Nagaash yeroo ajjeesu, Gadaan Birmajii inni Booranaa
maqaa Maccaa fi Tuulamaatiin ijaaramee Amaaroota bakka
hundaatii ari’ee, lafa fardi isaa seenuu danda’u hundaa
qabate. Amaarris gaaratti, hallayyaatti, holqatti galtee
dhokatte. “Utuu gaarrii, hallayyaa fi holqi hin jiru ta’ee
namni hafu hin jiru jedhe” barreessaan habashootaa Alaqaa
Atsimeen.
Bara Gadaa Muul’ataa (Bara 1587-1594)
Gadaan kun Muul’ataa Baarentuu fi Muul’ataa Booranaa ti.
Bara Gadaa Muul’ataa kana Walloo hedduu hinduulle. Yeroo
lama qofaa Gondoritti duulee deebi’ee qubate jedhama.
Muul’ataa Maccaa fi Tuulamaa garuu duulasaa itti fufee.
Bifa lolaa geeddaree Amaara karaa irratti gaadee ajjeesuu
jalqabe. Gaara gidduu fi saqa dhiphoo ta’an gidduutti eegee
ajjeesaa, murataa ture. Bakka farda isaaf mijaa’u mara
Goojjaami fi Gondor keessa gulufee, qabatee, basha’ee achi
taa’e.
Barreesan yeroo sanaa Abbaa Baahire akka jedhetti, biyyi
Gadaa Booranaa jalatti bule, kan hafe tokkollee hin jiru
jedhe. Muul’anni baalii Gadaa Duulootti dabarsee kenne.
Haala kanaan Abbootin Gadaa injiffannoo erga argatanii
booda sabni Oromoo hanga sirni Nafxanyaa jaarraa 19ffaa
keessa ka’uutti jaarraa lamaa ol tasgabbaa’ee Gadaa isaa
kabajataa nagaadhan jiraataa ture.
Sirni Nafxanyaa kan jalqabe, Amaari Oromoo waraanuu
dadhabnaan araarfachuu calqabe. Walitti makamuu (wal
fuudhudhaan) uummameen kan ka’e Oromoonni Gondarii fi
Goojjam keessa jiraatanu Afaani fi Amantaa ofii
irraanfachuudhaan kan Amaaraa fudhatan jedhama.

1 comment: