Thursday, September 19, 2013

Haawaasni Oromoo naannoo Phoenix Ing.Tasfaahun Camadaa fi Oromoota Koofaleetti ajjeefamaniif siirna dungo ibsu gaggeessan


Fulbaana 19, 2013
Ummatni Oromoo nannoo Phoenix jiraatan walitti dhufudhaan goota oromoo yeroo dhihoo mana hidhaa wayyaanee keessatti haala sukkanneessaa ta’een du’aan adunyaa kana irraa booqoote Ing.Tasfaahun Camadaa fi akkasumas Oromoota jumlaan Koofaleetti  guyyaa saafaa rasaasa wayyaaneedhaan ajjeefaman yaadachuuf qophi gaafa 09/15/13 qophaahee irratti argamuun gadda isaani ibsatan.
Qophi kana irratti senaan goota oromoo Engineer Tasfaahun Chamadaa Engineer Musa Dawudiin dubbifamee jiira. Qabsoo baratoota Oromoo keessatti guubachuun boosana bale seenaa fi bakka guuddaa qabaachuun kan ibsame yeroo ta’u Eerga addi bilisummaa Oromoo Motuummaa ce’umsaa lakkisee baheen booda qabsoon baratootni Oromoo  goodhan faffaca’u irraan kan ka’ee barruulee ebbiifamtoota oromoo maxxansu irratti daangeeffame ture. Motummaan wayyaane kan saamu saamee, kan gurguuratu gurguuratee, ka haafee ammo balleessuu imaammata siyaasa isaa goodhachuun yeroo boosana baaleetti abidda qabsise barattoota oromoo university finfinnee qindeessuudhaan ibida kana dhaamsu irratti akka boobbaafaman goochu keessatti barattoota gahe guddaa xabatan keessa gootichi oromoo Eng. Tesfahun isa jalqabaa ta’uun ibsameera. Barattoonni abiidda kana dhaamsuuf bobbaafaman carraa guuddaa argatan kanatti fayyadamudhaan bosana keessatti ijaaramani akka dallaatti debi’ani goochu keessatti gaheen Eng. Tasfaahuun Chamadaa bara baraan kan seenaa qabsoo barattoota Oromoo keessatti yaadatamaa hafudha.Bara 2000 booda barattoonni oromoo doorsisa, hidhaa fi ajjeechaaf osoo hin jiilbeeffatiin haala daran qindaaheen gaaffi mirgaa fi gaaffi abbaa biyyuummaa daddabalani kaasuun bu’aa goota oromoo Eng. Tasfahun Camadaa fi barattoota yeroo sanatti koree giddu (central committee) keessa turan ta’u seenaatu ragaa baha.
Barattoonni Oromoo yeroo eebbifamani hoojjaa irratti bobbaafaman haala hojii irraan kan ka’een network yokaan walqunnamtiin isaan barattoota dallaatti haafan dukaa qaban laafaa ta’uun  rakkoo qabsoo barattootaa keessaa isa guuddaa ta’uun kan ibsame yeroo ta’u Gootni Oromoo Eng. Tasfaahun Chamadaa kanaanillee kan hin daangeeffamnee fi erga eebbiifame hoojjaa irratti boobba’een boodas commitment ykn of-keennuummaa isaa dachaa dachaatti dabaluun nama qabsoo dukaa hafee fi barattoota birofiillee fakki guddaa kan ta’uu danda’u akka ture ibsameera. Mootummaan wayyaane tuffi ummata keenyaaf qabu irraan kan ka’ee barattoota Oromoo toorcharaan gugguubee mirga yaalamu illee dhoorkuun haala suukkanneessaan akka lubbuun keessaa yaatu goochun kan jalqabaa akka hin taaneef qaroo Oromoo kan akka Alamaayyo Garbaa fi Gaaddiisaa Hirphasaa haaluuma wal fakkaataan mana hidhaa keessatti wareegamuun yadannoo yeroo dhihoo ta’uu wal yaadachisuun Oromoo gumaa gotoowwan isaa baasuudhaan motummaan wayyaanee goochaa qaroo oromoo balleessu irraa akka dhaabbatu yoo hin barsiisne hireen barattootta Oromoo ammallee mana hidhaa keessatti haafani kanaan ala akka hin taane namootni qoophi kana irrati argaman dhaammatani jiiru.
Mootuummaan wayyaane mirga amantaa dhibuun karaa manneen amantaallee qabsoo ummata Oromoo dhukaamsuuf jeecha amantaa haaraa ummatatti fiduun karoora yeroo dheeraa ta’uu kan dhibsee obboo Waqgaariin, ajjeechaan magaala koofaleetti obboolaawwan keenya irratti guyyaa saafaa raawwatame yakka guuddaa ta’uu ibsuun mirgi amanti nuf haa kabajamu jeechudhaan sabootni biroo kan oromoo hin ta’iin illee akka gaafachaa jiirani garu haala nama ajaa’ibsisuun ajjeechaan kan raawwatamaa jiru naannoo Oromoo qoofatti ta’uun ammam dubbichi siyaasa dukaa hidhata akka qabu argisisa jeedhe jiira.
Qophii kana irratti walaloon mata dureen isaa “Maal Dhaammate Gootni” jeedhu Eng. Musaan kan dubbisame yeroo ta’u ummatni sagantaa kanarratti argame ijaaramuun ummata Oromoo balaa dina isaatiin irratti aggaamamaa jiru of irraa qoolachuuf furmaata ta’u ibsuudhaan akkaataatti Hawaasa Oromoo naannoo Phoenix daran jabeessuun danda’amurratti mari bal’aa taasisuun sagantaa isaani milkiin xumurataniru.
Qabsaahaan ni Kuufa Qabsoon itti Fuufa!!!
Phoeinx, AZ          09/15/2013

No comments:

Post a Comment