Sunday, September 8, 2013

Hiwaati fi Tiwulidda – Itoophiyaawwiin Nu Fixan!

Hiwaati fi Tiwulidda – Itoophiyaawwiin Nu Fixan!

Hundee Dhugaa fi Hiriyoota isaa
Wayyaaneen jecha Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhu irra jireessa ykn ifatti itti fayyaadamu kan eegaltee, Filannoo 2005 boodadha. Garuu, “Tiwulidda Itoophiyaawwii” jedhamee akka shirri gaggeeffamu kan karoorfatan, baruma bosona jiranidha jedhama.Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamanii seeraan hayyamameefii akka garaa isaanii akka ta’an kan hayyamameef eenyufaati? Lammiilee addunyaa keenyaa meeqatu Itoophiyaa keessatti dhalateetu, xiyyeeffannaan akkasii laatamuufii danda’ee?? wayyaaneen Ilmaan sabootaa miliyoonaan beelessee, kumaantamaan hiraarsee, kumaatamaan lubbuu galaafatee, kaan dhaabbitti namummaa baasee, kaan mana hidhaatti tortorsaa yoo barbaade ammo summiin ajjeesaa,  maaliif warra Tiwulidda Itoopiyaawwii jedhamaniif warqee hafeefii jiraachisaa?
warri Tiwulidda Itoopiyaawwii jedhamanii Itoophiyaa keessatti seeraan baakaman meeqaa? bara wayyaanee kana jechi kun akkamiin dhufuu danda’ee? sirni wayyaanee Ummatoota miidhaa jiru, balaa dhala namaaf hin mallee raawwachaa jiru, akkamiin warra Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhamaniif gaarii ta’ee, biyya alaa itti godaananii, waraqaa eenyummaa tokkon alatti qabeenyaa akka saaman taasifama?? ilmaan saboota yoo dhaaba siyaasaa dhaabbatan guyyuu adamfamanii diigaman. Hiraarrii fi shirri adda addaas irratti gaggeeffama. Miseensa dhaaba kanaa ta’ee kan argame gooleessaadha jedhamee Biyya abbaa isaa irratti itti roorrifama. Warri Tiwulidda Itoophiyaawwii jedhaman garuu, waan isaan hin galchine keessa seenanii harka mirgaa wayyaanee ta’anii ummata yennaa miidhan argaa jirra. kun akkamiin ta’uu danda’e?
Abbootiin Biyyaa qabeenyaa horachuuf wayyaanee waliin shariikomuu gaafataman. Kanaan achi waa tokko illee hin hojjatan. Warrii maqaa kaafnu kun garuu, saamicha kana hin jedhamne ummatoota irraan ga’aa jiran. Lammiileen hojii dhambanii yennaa rakkatan, jara kanaaf waan hundaatu mijaa’aaf. Siyaasa biyyattii keessa seenanii Bulchiinsa Naannoolee illee fudhachaa jiru. Kun akkamiin ta’e? akkamiin kooleejoonni Ilmaan cunqurfamoo akka barbaadan ari’u, isaaniif meeshaalee barnootaa fi qananiin akkamiin akka baratan hayyamamaaf? maqaa maayikiroo xixiqqaa jedhuun liqiin laatameefii miliniyeera yennaa ta’a, Ilmaan abbaa Biyyaa garuu hojii dhablummaan akkamiin mankraaru? akkamitti hojjatanii abbaa Birrii miliyoona 100 faa’a ta’uu danda’an.?
Akkamiin miseensa Polisii fedaraalaa fi humna Tikaa keessa seenanii Ummatoota irratti kolanii haaraa ijaaruuf tattaafachuu irra ga’an? akkamiin qooqa Biyyatti tokkotti deebisanii dhabamsiisuuf ifatti yennaa hojjatan maaf hin gaafatamne? isaan sirna fedaraalaa wayyaaneen dhaadhessitu ifatti mormanii, Ummatoota gara sirna ahaadaawwiitti akka deebi’uuf lalliftoota sirnoota duraanii ilmaan cunqurfamoo fixan warra faarfaratan akkamiin ta’an? akkamiin humna waraanaa keessa seenanii Ilmaan sabootaa hogganu danda’an.?akkamiin waajjiraaleen Fedaraalaa harki 80 ta’u isaaniin tu’atamuu danda’an? Akkamiin Industirii muuziqaa fi artii tu’atanii saboonni eenyummaa fi aadaa isaanitti akka hin jabaanneef shiroota hedduu irratti gaggeessanii, sirba sabootaa afaan amaaraan akka sirbamu maaliif tattaafataa jiran? Akkamiin kubbaaniyaa ykn walii gala humna Dingdee Biyyattii akkamiin tu’achu danda’an? manneen kondiminiyeemii rakko tokko malee akkamiin carraan ba’eefii keessa burraaqu dadna’an?
Miidiyaalee Biyyattii keessaa guutummaatti qabatanii akkamiin ilmaan sabootaa ariisisanii wayyaaneef harka mirgaa ta’anii holola Ummatoota irratti akkamiin hojjachuu danda’an?  Gaaffiilee kanneen ka’umsaafan kaasee malee, gaaffiilee kumaantama tarrisuun ni danda’ama. Walii gala garuu Tiwulidda Itoophiyaawwiin akkamiin harka mirgaa wayyaanee ta’uu danda’an? yeroo Mallas du’e, gaddi hamaan kan itti dhaga’ame warruma maqaa kaasaa jirruudha. maaliif? Finfinnee guutuu uffata gurraachaan akkamiin haguuguuf yaalan? Hiwaat maaliif isaaniif xiyyeeffannaa laatee Lammiilee Biyyattii caalaa isaan kunuunsuu danda’e? Qabsoo Bilisummaa Ummatooti Biyyattii gaggeessan Goolessummaan wal qabsiisee sadarkaa Addunyaatti Qabsoo Ummatootaa dhabamsiisuu kan yaalaa jiru wayyaaneen akkamiin jara kanaaf garaa laafee harka mirgaa isaa akka ta’aniif barbaade? ykn taasise?
Mee seenaa dubbee tapha kanaa haa ilaallu. wanni hubachu qabdan maqaa Tiwulidda itoophiyaawwiin har’a Biiyyattii keessa akka malee kan qubatanii jiranii fi saamicha ol aanaa gaggeessaa kan jiran, lammiilee Biyyattin olitti jiraacha kan jiran eenyufaa akka ta’e kan wallaalu hin jiru. Garuu, adeemsa kun akkamiin umamu danda’e? akka tasaati? moo itti yaadameeti? seenaa dheeraa deeggartoota isaanii keessaa tokko natti hime amma tokko isiniif qooda. seenaa dheeraadha. Amma hiriyoota kiyyatti himee irratti mari’anne isinitti hin himu. Yeroo haa eeggatu jenneerra.Garuu gabaabaatti mee ilaalaatii of abaaraa yk  itti raajamaa ……….

No comments:

Post a Comment