Saturday, September 28, 2013

Sagantaa Siyaasaa Adda Demookraatawaa Oromoo (ADO)

SEENSA
Itoophiyaan erga dhuma jaarraa 19ffaatti, lola gabroomsaa fi gara-jabeessa mootummaa Menikin geggeefamen, akka biyyaatti ijaaramtee jalqabdee mana hidhaa fi dararama sabootaa, sab-lamootaa fi ummataa ti. Hidhamtoota kanneen keessaa Oromoon saba tokko. Weerarri gabroomsaa Minilikin geggeessame kunis duguuggaa sanyii ummata biyyichaa irraan gahuu bira dabre lubbuu hedduu beelaa fi dhukkubaan galaafatee. Balaa lola kanarraa maddeen Oromoon bilisummaa dhabee, abbaa biyyummaa sarbamee, qabeenya isaa saamamee sadarkkaa gabrichaatti (faanshotti) gadi bu’uu bira lufee (serfs) sirna jibbamaa gabbaarummaa (gabbar system) jalatti kufe. Oromoon yeroo sana irraa eegalee bilisummaa fi kabajaa eenyummaa isaa deebisee gonffachuudhaaf lola walirraa hincitne gochaa ture; akkuma yeroo fi haalli aanjesseetti waan of harkaa qabu maraan of irraa faccisaa ture; ammas itti jira. Gadadoo, dhiphinaa fi gidiraa hiriyyaa hin qabne jalatti waldhaansoon Oromoon bilisummaa isaa deebisee gonfachuuf godhu itti fufe; wareegama qaqqaalli gootota ilmaan Oromoo kutannoon baasaniin qabsoon takkaa laaffatee ykn qabbanaawee hin beeku; irra jabaate deeme malee.
Waldhaansoon boonsaan ilmaan Oromoo dhiiraa-dubartiin sirna abbaa-irrummaa buqqisuudhaaf jagnnummaa fi kutannoodhaan godhan baroota dhiyoo as injifannolee gurguddoo galmmeesse jira. Ammaan tana haa xiqqaatulle malee, Oromiyaan akka Kutaa bulchiisa tokkotti beekamuun, akkasumas, Afaan Oromoo badii irraa baraaramee gara afaan hujii fi bulchiinsatti jijjiiramee jira. Qubee Afaan Oromoof mijjatus ummatichi filatee ittiin fayyadamaa jira. Haa tahuu malee, ummatni Oromoo guyyaa hari’ayyuu bilisummaa hin gonfatne, qabsoon birmadummaa fi mirgoota dhalootaa kanneen biyyoota addunyaa hedduu biratti beekaman gonfachuudhaaf waldhaansoo itti fufaa jira.

No comments:

Post a Comment