Monday, September 2, 2013

Miseensotiin Qeerroo Bifa Wal Fakkaataa fi Yeroo Tokkicha Oromiyaa Magaalota Gara Garaa Keessatti Gooticha Injiner Tasfahun Camadaa Yaadatan.

Fulbaana 2,2013 Finfinnee
Tasfahun 2Fulfaana 1,2013 Oromiyaa goleelee adda addaa keessatti barattooti Oromoo fi dargaggoonni Oromoo naannoo adda addaa irraa walitti dhufuun gooticha qabsoo Oromoof jecha kufee dhaloota haaraaf fakkeenya ta’e Injiner Tasfahun Camadaa yaadataa oolan.
Haala kanaan gabaasi Qeerroo naannoo adda adddaa irraa dhufe akka addeessutti hanga ammaa miseensotiin Qeerroo Bilisummaa fi dagertooti Qabsoo Oromoo malgaalota keessatti sirna yaadannoo gaggeessan keessaa:-
  1. Asallaa
  2. Aamboo
  3. Dirree Daawaa,
  4. Finfinnee bakkoota adiitti qoodamuun
  5. Geedoo
  6. Naqamtee
  7. Shaambuu
  8. Gimbii
  9. Mattuu
  10. Dambi Doolloo
Kanneen keessatti bifa qindaawaan sirni yaadannoo wal fakkaataa gaggeeffamaa akka ture gabaasi nu gahe addeessa.
Gama biraan yaadannoo kana irratti Qeerroon Bilisummaa waadaa qabsoo Oromoof qaban akka haaromsanii jiran qeerroon ni addeessa.
Waadaa fi imaanaa Injiner Tasfahun Camadaa bifa sagaleen qindaawee gara fuula duraatti akka dhihaatu gabaasi Qeerroo ni addeessa.

No comments:

Post a Comment