Tuesday, September 17, 2013

Oduu Gadda: Hayyufi ogeesi sporti beekaman Oromo lubbu dhabee

Fulbaana 16, 2013
Soraa-Jarsoolmaan Oromo yeroo yeroon, akka Qananiisa injifanno battala sporti adunya irratti galmeesun akka ummatatti guddo nu onnachissani hingammanafi. Oromoota sportiin gumaata gugudaa kennani dabranilee hinyaadana.
Hayyufi ogeesi sportii, 1960s jal qabee bara dheerafi Universiti etophia keesati sadarkka garagarati akka  bulchaafi barsiisa sportiti tajaajila ka ture Sora Jaarso Sabbo fayya dhabaan kalee 09/14/13 magaala Finifineeti du’aan nura fagaate jira. Sora Jaarso dhalooti isa naano magaala Meega kutta Boorana yo tahuu, eega barnoota kuta lameeso etopiati fixatee duuba Eastern Europetti dedeebi’udhan barnoota sadarka ulaana haga Mastersiiti ( Masters in Sports Science and Education) fageeffate turee. Soran dandeetif  kabaja oggumaa isaatif qabuu irra, etiopia keesati, namoota 1960s-90s Universiti Finfinee keesati bartoota isa turaniifi kan waliin tajaajila kenaa turan birati namaa ulfinaaf jaalala gudda qabu turee. Sora Jaarso namoota (Oromoof ka qomoo dhibiile) biyya etiopia keesaaf sadarka adunyaatti sportiin beekaman heddu, Ababa Biqilaa dabalatee, namaa ogumaa sportitin jajabeese yero yerooti akka injifanoon gugudaa galmeesan taasisse. Gama biraatiin Soran saboona Oromo ka saboontota Oromoo , keesatu dargagoota Universiti, torbaatomoota kessa qabso bilisumma Oromo  yero duraatif biffa jidugaleesan uttubuuf kalatiin socho’aa turn yaadaan jajabeesuf haala rakkisa ta’e keesati teeso ufii dahoo marii taasisuun Oromoota gumaacha gudaa godhan keesa nama tokko.
Obbo Sora Jaarso Saboo akka hayyuf ogeesa jabaa Oromotiif saboona seena qabeesati yaadacha, isaa biyyeen haa sablattu jechaa, hariyaaf warra isaatii jabeena Waaqa kanacha irra hafaa jenaani.
Hariyaaf baratta isaa irra

No comments:

Post a Comment