Sunday, September 29, 2013

Walga’iin Angawoota OPDO Adaamaa Keessa itti Geggeeffaamaa ture Irraatti Mormiin Guddaa Dhalachuun Milkii Malee Adda Bahe.


Fulbaana 28,2013 Adaamaa
Angawootaa OPDO kabinotaa Aanaa, Godinaa fi Oromiyaa akkasumas itti gaafatamtoota Wajjirotaa Secterotaa garaagaraa irraa walitti waamuun Adaamaa Galmaa Abbaa Gadaa jedhamu keessa itti akka L/Habashaatti Fulbaanaa 4/2006 irraa egalee hangaa Fulbaana 16/2006 Oromiyaa keessatti bakka bu’oonni Wayyaanee Muktar Kadirii , Abdulaaziz fi Asteer Maammoon guyyaa kudhanii oliif gaggeeffaamaa ture milkie dhabuun mormii guddaan miseensota OPDO irraa bakka bu’oota Wayyaanee irratti dhalachuun bu’aa tokkoo malee diddaa guddaan gargar kan bittina’an ta’uu Odeessii qabatamaa keessaa OPDO bahee saxilee jira.
Kayyoo fi qabxiin gurguddaa walga’ii dhoksaan gaggeeffaamaa ture kanaa qabxiilee gurguddaa sadii irraattii kan xiyyeeffaate ta’uu beekama, kanneen falmisiisoo ta’an keessaa warri gurguddaan.
1ffaa, Baha Oromiyaa keessatti saboota olla Oromiyaa irraa yeroo irraa gara yerootti Ummataa Oromooa irraatti fudhatamaa jiruun wal qabatee Somaaleen lafa Oromiyaa Harargee qabachaa jirtuu irraatti marii gochuu kan jedhuu.
2ffaa, ABO FDG nurraattii kaasaa jira, Ummaata mootummaa Ithyophiyaa irratti kakaasuun fincila qindeessaa jira, Dargaggooti Oromoo maqaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jedhuun biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaatti of gurmeessuun sochii mirga Oromoo falmuu jedhuun mootummaa keenya irratti ummata kakaasaa jiru waan ta’eef kana dura dhaabbachuuf malaa fi tooftaa baafachuu.
3ffaa. Mormii yeroo irraa gara yerootti hordoftotni Amantaa Muslimaa Oromiyaa keessaattii nurraatti gaggeessaa jiraan dura dhabbachuu fi mormii isaanii duubaa humnooti adda addaa waan jiraniif saaxiluu fi marii irraatti gochuu kan jedhuu fi
4ffaa. Qaama hojii sekterotaa karooraan rawwaachuu xinxaluu.
Kanneen jedhan irratti marii guddaa gochuun walii galtee malee akka ka’an gabaasi kun ni ibsa. Kana keessatti qabxiin guddaa dhimma ABO irratti fuulleffate keessa hogganoota OPDO kan jeeqee fi mormii guddaa kaasee guyyoota lamaa oliif akka wal falmisiisaa oole beekamaa dha. Qabxii marii lukkeelee ilaachisuun yaadaa fi mormii kabinotaa Godinotaa fi Aanotaa irraa hogganoota OPDO irratti ka’ee dhiyaate keessaa gariin
Waa’ee ABO irraatti mormiin dhalatee, jira. kunis asiin fulduraa  maqaa ABO’n namoota sabboonummaa Oromoo qabanii fi  uumata itti akka farrummaatti labsaa dhaa turre,mootummaanis akkasum jechuun galmuma kana keessatti nuu ibsee hin turree?? Har’a deebi’een ABOn uumata nurratti kakasaa jira sochii godhaa jira yoo jennee barattootaa fi jiraataa Oromiyaa hunda yoo seeratti dhiheessaa jiraanne waanni kun deemee deemee numa warra OPDO iyyuu qofaa ni hambisa. ABOn bara kana nama osoo hin taane akeeka dha.Akeeka kana akkamiin uumata keessaa baafna yoo jenne waan matumaa hin dandayamne waan ta’eef mootummaan keenya if goyyomsuu osoo dhiifnee irra wayyaa dha. Yeroo barbaannu ABOn nama ijaara jenna,gaafa kaan ammoo ABOn hin jiru badeera jenna,yaada wal dhahaa akkasiin hamma yoom uumata sobaa jiraannaa???
Amma immoo ABO’n nu rakkisaa jira, nu duraa dhaabbaachaa jira, dargaggotaa ijaaree socho’aa jira, ummataa nurraa fudhachuuf, goolii kaasaa jira jennee yeroo wawwatnu ummaannii kaleessaa ABO’n hin jiruu jenneen sun maal nun jedhaa? jechuun gaaffii kaasaan, kanaaf nuti kanan uummataa keessaa deemnee salphinaa hin uffannu har’a ummaanni nu darbee deemee waan jiruuf nuti kanaan waan ololluu hin qabnu isinumti warri aanga’oo gurguddaa gadi bu’aa uummata itti himaa jechuun hogganotaa ol anoo OPDO akka Abdulaaziz fi Moktaar afaan fajjefaman.
Kana malees yaada mormii hirmatotaa irraa dhiyaate keessaa itti qabxiin ABO’n qofti maleef dhaadheeffaamee balaaleffatamaa ? Diinni akka G-7, Arbanyoochii fi Ogadeen maaliif akka diinaatti fudhatamanii mariin irraatti hin taasifamne jechuun gaaffin kaabinoota aanaa irraa ka’e guutummaa walgahichaa jeeqee akka turee odeessi keessa OPDO addeessa.
Ajandaan gama biraa  Waa’ee waraana Ogaadeen yeroo yeroon Wayyaaneenhidhachiifamee Oromoo ajjeesaa jirtuu fi lafa Oromoo fi qabeenyaa Oromoo samamaa jiruuf ilaalchisuun yaadaa mormii fi waldiddaa guddaatu dhalate. Innis yaadni garee Lammaa Magarsaa itti gafatamaa wajjiraa milishaa Oromiyaa duraanii kan yeroo amma Biroo Daldalaa Oromiyaa hojjechaa jiruu irraa dhiyaate naannoo ittisa Oromoo irraa gochuuf jecha tarkaanfii walfakkatuu fudhachuu qabna,daangaa keenyaa keessaa baasuu qabna jedhuu yeroo dhiyaatuu gareen Muktaar Kadir ammoo kun tasumaa ta’uu hin qabu jechuun mormii dhiyeessan.Nuti ajaja mootummaan keenya nutti kenneen malee akka naannoo Oromiyaatti ittisa mataa keenyaa gochuu hin dandeenyu jechuun yaada mormii kaasan.
Yaadaa gareen Muktar Kadir kun dhiyeessan Kabinotaa Godinaa Booraanaa Yabelloo, Gujjii fi Harargee irraa dhufaniin balaaleffatame, gareen kaabinotaa Godina Harargee, Booraanaa Yaabelloo fi Gujii yaadaa Lammaa Magarsaa dhiyeessee jabeessuun deggeruun ummanni Oromoo fi mootummaan naannoo Oromiyaa uummata Oromootti balaa dhufe ittisuu qabna.Yoo kana hin goonu ta’e faaydaan OPDO maalii? jechuun mormii guddaa dhiyeessaan. Kanumaan kan ka’e gariin kun walgahii kaabinoota OPDO torbaan tokkoof gaggeefame dhiisanii walga’ii cabsanii ka’an. Yeruma kana haala kanaan , Kanneen qajeelfama TPLFn masakamuu qabna jedhan kanneen akka Muktarii fi Abdullaaziz warra walgahii cabsee bahe duukaa bu’uun kara karaa kadhatanii ifaajja guddaan walgahiitti deebisan.
Kana irraa ka’uun sabbontotn Oromoo walga’icha irraa hirmaatan nuti Oromoonni hanga yoomitti dhiigni ilmaan Oromoo dhangala’aa? hanga yoomitti Obsinaa? Obsi nuu game, Angoo maaliis qabna waranaa? Erga duula Oromoo irratti banama ittisuu hin dandeenye,dhaloota Oromoo dhufaa darbaan ABO jennee hidhaa fi biyyaa ari’aa erga jiraanne aangoo fi gaafatamni nuti Oromoof qabnu kun maali?  Jechuun walgahicha irrati ifatti yaada dhiheeffatan.
Gama kaaniin qabxiin dhimma amantaa Isalaamaa fi gamaagama karoora hojii ilaalchoisuun yaadni dhiyaatee, qabxiiwwaan armaan olii mataa dabbaalotaa diinaa waan nanneesseef utuu sirnaan hin hubatamiin hafee kabinotaa Aanotaa, Godinotaa fi Oromiyaa walumaa galatti namota 1000 ol-n guyyotaa kudhanii oliif taa’amaa ture, fi walga’iin guddaan kun kan ETV fi Radiyoo Oromiyaa illee dabalee osoo hin darbiin wakkatameef bu’aa tokkoo malee diddaan guddaan waan jeeqameef gara fuula duraatti baallamamee adda bahuu gabaasi keessa OPDO irraa nu gahe addeessa.

No comments:

Post a Comment