Wednesday, September 4, 2013

Hawaasti Oromoo Gooticha Oromoo, Inj Tasfahuun Camadaa fi Ilmaan Oromoo Wayyaaneen Ajjeefaman Yaadatan

(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 2, 2013) 

Konyaan ABO Victoria gooticha Oromoo mana hidhaa Wayyaanee keessatti ajjeefame, Injinar Tasfaahuun Camadaa, ilaalchisuun sagantaa yaadannoo mata duree "Oromiyaaf Haa Dubbannu" jedhu jalatti qopheesse; hawaasa Oromoo magaalaa Melbourne waliin marii gaggeeffate. 

Sagantaa yaadannoo fi marii hawaasaa Fulbaana 1, 2013 waaree booda Galma Scientology magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame irratti gooticha Oromoo mana hidhaa wayyaanee keessatti ajjeefame, Inj.Tasfahuun Camadaa dabalatee, ilmaan Oromoo haala, yeroo fi bakkoota adda addaatti wareegaman yaadachiisuun ture. 

Yaadannoo gaggeeffametti aansuun Ob. Bantii Oliiqaa Dura Taa'aan konyaa ABO kan VIC hirmaattota marichaa waamicha yeroo gabaabaa kana keessatti taasifame kabajanii miidhaan ummata keessanii isin quuqee asitti argamuu keessaniif hedduu galatoomaa erga jedhanii booda akeekni marichaa ibsaniiru. 

Dokumenti Guutuu

No comments:

Post a Comment