Tuesday, September 17, 2013

Oromiyaa Biyya Koo Madda Sirna Gadaa

Abdii Borii irraa | Fulbaana 17, 2013
Dachii burqaa aadaa fi madda sirna Gadaa,
Kennaa uumamaa ti waajjirri kee odaa,
Irreechaa fi ateetee aadaas hedduu qabdaa,
Elellee fi shaggooyyee dhiichisaa fi ragada.
Biyya koo lalistuu qabeenyaan badhaatuu
Madda lageen hedduu gaarreniin marfamatu
Qabeenya addaa addaan kan baayyee hawamtu
Midhaan gosa hedduu fi albudaan faarfamtu.
Bosonaa fi qilleensa rooba ganna guutuu
Nyaata gosa hedduu baayyinaan kan qabdu
Biyyoo biyya abbaa koo hundaan badhaafamtuu
Oromiyaan keenya biyya jaallatamtuu.
Biyya dhadhaa fi dammaa dachii bunaa fi warqee
Badhaatuu hangaatuu qabeenyi ishee marge
Halagaa si saama mirga ilmaan kee sarbee
Yoom aara galfattaa kun hndumtuu darbee
Waa’ee biyya kootii an waan baayyeen faarsaa
Si irra fagaachuu kootu gar malee na aarsaa
Halkan hundaa ciiseen abjuudhaan si argaa
Galma hann’uura kootii dachii haadha margaa
Kan addunyyaaf fakkii biyya sirna Gadaa
Badhaatuu uumamaa kan hin qabne mudaa
Akkasitti hin haftuu gaaf tokko gmmaddaa
Ol ka’ii dubbadhu nus siif seennee waadaa.
Dachee koo dubbadhu meeqa beela baaftee? (2)
Lageen koo iyyadhu meeqa dheebuu baaftee?
Warteessuus halagaa hagam jiraachiftee?
Jabana hijiraas keessumota halalaa meeqa keessumsiiftee?
Iyyadhu Oromiyaa tasa hin callisinii (2)
Lmuu ilmaan nafxanyaa hin keesumsiisinii
Iyyii iyya labsi ilmaan kee dammaqsi
Gadaa kee deebisii addunyaadhaaf labsi.
Biyyuma kee irratti nagaa si dhorkattee
Bosona kee gubdee warqee kee buqqaaftee
Ilman awaannisaa dhakaa keessaa yaatee
Siin si agabsitee ofiif quuftee bultee???
Dachii koo dubbadhu meeqa jiraachiftee?
Hagam beela baafte meeqa dheebuu baaftee?
Ilmaan nafxanyootaa warteessuu guddiftee
Tolaan kee maaf bade maaf galata dhabdee?
Hrma kee xuxxuuxee harka kee irraa nyaatee
Si irratti guddatee dhala kee fakkatee
Nyaaphaaf si afeera sobaan si hawwatee
Kee lubbuu siif dhaba dhugaan si jaallatee.
Harras boo’aa jirta kan Tasfahun Camadaa
Ilmaan kee hundatu Lapheen Cabee gadda
Gumaa ilmaan kee baasuuf haaromsinee Waadaa
Gadda kees jijjiirree gaaf tokko gammaddaa.
Dubbadhu dachii koo tasa hin callisinii
Osoo wareegamtuu du’a kee hin dhoksinii
Dachii magariisa dhiigaan booressanii.
Ilmaan kee qaqqaalii hedduu ajjeesanii
Masaraa kee diiguun mana hidhaa ijaartee
Garii biyyaa yaasuun kaanis iyyoomsitee
Osoo nuti jirruu maaliif tuffatamtee,
Ati hortee qabdaa nutu si dagatee
Qaamnni hundaa cirmee gar malee madooftee
Walii galteen kahee nama hidhuuf dhabdee
Maaf irratti ilaaltu hundattoo dhaammattee
Yaa ilmaan koo maaloo na dhaqqabaa jettee.
Dhaamsa ishee dhagahaa waan jabaa dubbattee
Isin alaa wal nyaattuu diinni natti ammattee
Osoo isin jirtanii mirga koo sarbitee
Lafa irraa daguugdee daa’imman koo fixee
Jaarraa tokkoon dura jaarsa kabajamaa addunyaan hawwitu,
Abbaa keessan kunoo Bokkuu harkaa darbattee diinni kan salphistu’
Qaanii hagas gahu gurraan dhaageessanii ijaanis argitu
Waan haaraa maal qabdu me deebii naaf kennaa isin maalitti jirtuu?
Shamarran koos kunoo hedduun biyyaa yaatee
Hormi itti taphatee gar malee dhaanamtee
Gariis gurguramtee kaan allattiin nyaattee
Baayyees galena irraa qurxummiin hirmaattee
Nyaaphaan cunqurfamee yartuun tuffatamee
Mirga koo uumamaa borxaadhaan sarbamee
Hagamin jiraadha gadootti ilaalamee
Jetteetu dubbattee Aayyoon dararmtee
Kolonii balleessuuf warraaqsi dawwaa dhaa
Cunqursaa sabummaa maalumaafan baadhaa
Kanaafan wawwaadha eenyummaan himadhaa
Diinaa fi firri haa beekuu biyyi koo Oromiyaa dha
Harras boris taanaan anis oromoo dhaa……….
Abdii Borii

No comments:

Post a Comment